Yuuniivarsiitiin Barnootaa Kotabee barattoota kuma 2 fi 882 eebbisiise
Finfinnee, Waxabajjii 21, 2018 (FMC)- Yuuniivarsiitiin Barnootaa Kotabee barattoota dameewwan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 2 fi 882 guyyaa har’aa eebbisiiseera.
Yuuniivarsiitichi barattoota digirii jalqabaa, 2ffaa fi 3ffaan akkasumas dippiloomaafi sagantaalee garaagaraan barsiisaa ture eebbisiise.
Pireezidaantiin Yuuniivarsiitichaa Dooktar Tashoomaa Naqqaaxibab wayita kana ergaa dabarsaniin, Yuuniivarsiitichi giddugala barnootaa, beekumsaafi teeknooloojii ta’ee itti fufuuf teeknooloojiiwwan haaraa hojiirra oolchaa jira jedhan.
Haala Kanaan duraarraa adda ta’een baay’inaafi qulqullinaan barsiisota fakkeenya ta’an horachuuf leenjii qindaa’aa ta’eef qophiin godhamaa jira jedhan.
Yuuniivarsiitichi sagantaalee isaa fedhii sirna barnootaa biyyattii yeroo ammaa waliin walsimsuun fooyyessiiwwan leenjitootaafi mootummaa fayyadamoo taasisan hojiirra oolchaa jiraachuus eeraniiru.
Gizaachoo Girmaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia