Finfinneetti barattoota qormaata kutaa 8ffaa fudhatan keessaa % 95.85 gara kutaa 9ffaatti darban
Finfinnee,Waxabajjii 22, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti barattoota qormaata Sadarkaa Magaalaa kutaa 8ffaa fudhatan Kuma 85 fi 737 keessaa % 95.85 gara kutaa itti aanuutti darbaniiru.
Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Zalaalam Mulaatuun bu’aa qormaata kutaa 8ffaa ifoomsaniiru.
Barattoota qormaaticha fudhatan keessaa % 95.85 gara kutaa 9ffaatti darbuu himan.
Barattoota qormaata kutaa 8ffaa fudhatan Kuma 85 fi 737 keessaa barattootni Kuma 82 fi 193 % 50 fi isaa ol fiduun darbuu eeran.
Barattoontni 60’n qabxii 93.5 ol yoo fidan barattootni 131 ammoo 90 ol galmeessuu Dooktar Zalaalam dubbataniiru.
Manneen barnootaa 669 qormaaticha qorsiisan keessaa manneen barnootaa 441 guutummaatti (100%) barattoota isaanii gara kutaa itti aanuutti dabarsuu ragaan Biiroo Barnootaa Magaalichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia