Fana: At a Speed of Life!

Qabxiin Darbiinsaa Qormaata Xumura Kutaa 8ffaa Dhibbeentaa 50 Akka Ta’u Murtaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2018 (FMC) – Qabxiin darbiinsa qormaata xumura kutaa 8ffaa kan bara barnootaa 2018 dhibbeentaa 50 akka ta’u murtaa’eera.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Dooktar Zalaalam Mulaatuu, bara barnootaa 2018 keessa qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamuun, damee kanaan bu’aan olaanaan galmeeffamuu caqasaniiru.

Tarsiimoon barumsa Herregaa fi Ingiliffaa fooyyessuuf hojiirra oole bu’aa barattootaa irratti mirkanaa’uun itti dabalamee ibsameera.

Kana malees, xiyyeeffannoo bulchiinsi magaalichaa damee barnootaaf kenneen bu’aan kun galmeeffamuu hogganaan biirichaa ibsaniiru.

Biirichi qormaata yeroo gabaabaa keessatti sirreessuun bu’aan isaa akka ifa ta’uuf halkanii fi guyyaa hojjachaa kan turan ogeeyyii kutaa qormaataa fi geggeessitoota adeemsicha deggaraa turaniif galata galcheera.

Bara barnootaa 2018 keessa bulchiinsa magaalichatti barattoonni kuma 85 fi 737 qormaata kana fudhachuu Hogganaa itti Aanaan Biirichaa Obbo Saamson Mallasaa ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.