Fana: At a Speed of Life!

Kantiibaa Adaanech Abeebeen Ministira Ce’umsa Diijitaalaafi Innooveeshinii Beeniin Dooktar Maahuunaa Akipiloogaan waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 1, 2018 (FMC) – Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ministira Ce’umsa Diijitaalaa, Innooveeshinii fi Kalaqaa Beeniin Dooktar Maahuunaa Akipiloogaanii fi jila isaanii waliin mari’ataniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Ministiricha waliin ijaarsa Ismaarti Siitii irratti muxannoo waliif qoodneerra jedhan.

Hojiilee ce’umsa diijitaalaa Beeniin eegalte magaalaa Finfinneetti milkeessuuf dameelee diinagdee, Naannawaa, bulchiinsa, haala jireenyaa, geejjiba ammayyaa fi ammayyummaarratti waloon hojjechuu danda’anirratti qindoomina dhaabbilee milkaa’ina keenyaaf bu’ura ta’an, hojiirra oolmaa seerootaa fi hojmaatilee, hirmaannaa uummataa qindoomina dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaarratti jilichaaf muuxannoo qooduu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.