Malaammaltummaa ittisuun Misooma Waaraa Mirkaneessuuf…
Finfinnee, Hagayya 3, 2018 (FMC) — Itiyoophiyaan dinagdee ishee guddisuu fi sadarkaa jireenyaa lammiilee fooyyessuuf, hoggansa mootummaa Ida’amuun hojiiwwan misoomaa fi haaromsa garaagaraa raawwachaa jirti.
Kanaanis, haaromsa dinagdee biyya keessaa hojiirra oolchuun carraa invastimantii babal’isuufi oomishaa fi hojiiwwan oomishtummaa guddisuuf dandeessisan hojjetamaniiru.
Kallattii misoomaa dhalootaaf xiyyeeffannoo kennuun jalqabame keessatti bu’aawwan ajaa’ibsiisoo ta’an jalqabumarraa galmaa’aa jiru.
Haa ta’u malee, qabeenyi uummataa malaammaltummaa fi saamichaatiin yoo qisaasame, imala misoomaa kana duubatti harkisa.
Bu’uura kanaan, malaammaltummaa qabachuun hojiiwwan misoomaa biroo irraa adda baafamee kan ilaalamu osoo hin taane, hojiiwwan ijoo itti fufiinsa misoomaa mirkaneessuuf fayyadan keessaa isa tokko dha.
Bu’uuraalee misoomaa faayidaa uummataaf oolan ijaaruuf baajatni ramadamu namoota malaammaltummaa raawwatan faayidaa dhuunfaaf dursaniin saamamu, dandeettiin qabeenya biyyaalessaa maddisiisuus ni hir’ata.
Keessumaa, bittaa, caalbaasii, raawwii pirojektii fi itti fayyadama baajataa keessatti malaammaltummaan uumamu baasii dabalataaf kan saaxilu waan ta’eef, malaammaltummaan maallaqa qofa osoo hin taane carraa misoomaas ni dhabsiisa.
Dabalataanis, malaammaltummaan diina misoomaa carraawwan invastimantii dhiphisu waan ta’eef, malaammaltummaa to’achuun qabeenya uummataa eeguu bira darbee, amantaa invastarootaa cimsuuf gargaara.
Kanaafuu, dhaabbilee keessatti matta’aa fi malaammaltummaan babal’ateera jedhamee hubannoon yoo uumame, abbootiin qabeenyaa invastimantii keessatti hirmaachuuf sodaa qabaachuu danda’u.
Dhiibbaan hamaan malaammaltummaan misoomaa fi imala guddinaa biyya tokko irratti qabu ragaa fi sanadoota qofa keessatti osoo hin taane, qulqullina gadi aanaa, pirojektooti yeroo isaanii eeganii xumuramuu dhabuufi carraan misoomaa baduunis kqm mul’atuu dha.
Pirojektoonni misoomaa sababa malaammaltummaatiin qulqullina isaanii eeggatanii yeroo kenname keessatti yoo hin xumuramin, dhumarratti kan miidhamu uummataa fi biyya.
Ministirri Mummee Dooktar Abiy Ahimad akka jedhanitti, Itiyoophiyaa keessatti saamichi raawwatamuu fi karaan badiisaa ta’e yoo hin to’atamin, mul’ata badhaadhinaaf gufuu ta’a.
Kanaaf, Mootummaan Ida’amuu malaammaltummaa imala misoomaa Itiyoophiyaa fi fayyadamummaa guutuu uummataa gufachiisu ittisuuf tarkaanfiiwwan cimaa fudhachuu eegale cimsee itti fufuu qaba.
Hayilamariyaam Taganyiin
#Oromia #Ethiopia