Fana: At a Speed of Life!

Gareewwan 500 yaadota isaaniif dhiyaate gabbisaa jiru- Pirofeesar Masfiin Ar’aayaa

Finfinnee, Hagayya 4, 2018 (FMC)- Gareewwan marii 500, yaadota gareewwan tarsiimoo miseensota 250 irraa dhiyaatan irratti mari’achuun, yaadota kanneen caalaatti guddisaa jiru jedhan Komishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa, Piroofeesar Masfiin Ar’aayaa.

Komishinar Masfiin Ar’aayaan adeemsa yeroo ammaa yaa’ii Marii Biyyaalessaa ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Hagayya 2, 2018 irraa eegalee, gareewwan saddeet keessaa kan filataman, miseensonni 30’n yaadoota ajandaa gareewwan tarsiimoo irraa dhiyaatan walitti qindeessuun, gareewwan hojii saddeet miseensota 500 qabanitti dhiyeessuu eegaluu kaasaniiru.

Sadarkaan marii kunis ajandaa miseensonni marii 500 irratti mari’atan irratti yaada xumuraa fi marii gadi fagoo itti gaggeessan ta’uu Piroofeesar Masfiin Ar’aayaan ibsaniiru.

Adeemsi yaadota ajandaa walitti qindaa’an kana irratti mari’achuu hanga ammaatti itti fufee jira jedhan.

Gareewwan saddeet, tokkoon tokkoon isaanii miseensota 500 qaban, yaadota itti dhiyaatan irratti mari’achuun fooyyeessaa fi guddisaa jiraachuu himan.

Gareewwan tarsiimoo keessaa tokko tokko ajandaa itti dhiyaate irratti mari’achuun hojii isaanii xumuruu ibsuun, gareewwan hojii isaanii hin xumurin ammoo yeroo xumuran garee itti aanuuf akka dabarsan kasan.

Soossinnaa Alamaayootiin .

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.