Misoomni Koriidarii Magaalaa Jimmaa aadaa sochii qaamaa fi fayyaa hawaasaa fooyyessaa jira
Finfinnee, Hagayya 4, 2018 (FMC)- Misoomni koriidarii Magaalaa Jimmaatti raawwatame aadaa sochii qaamaa hawaasaa guddisuun dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuu fi walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuu keessatti gahee murteessaa bahachaa jira jedhan hayyoonni Yuunivarsitii jimmaa.
Yuuniavrsiirtii Jimmaatti diiniin Akkadamii Ispoortii Dooktar Wandimmaaganyi Dammiseen,Sochiin qaamaa hawaasni taasisaa jiru dhaloota fayyaalessaa fi oomishawaa uumuun guddina waliigala biyyaatiif utubaadha jedhan.
Ogeessi Fayyaa Hawaasaa fi Sirna Fayyaa fi Imaammata Fayyaa Yuunivarsiitii Jimmaa Shimallis Laggasaa gamsaaniin, inisheetiivii mootummaatiin daandiiwwan biskillitii fi miillaa ijaaramaniin hawaasni sochii qaamaa guyyaa guyyaa aadeeffataa jiraachuu dubbatan.
Kunis fayyaa lammiilee eeguu bira dabree, baasii yaalaaf ba’u hir’isuun namoota dhuunfaatiifis ta’e mootummaaf faayidaa diinagdee kennu ibsaniiru.
Qorataan Akkaadaamii Ispoortii Yuunivarsiitii Jimmaa Dooktar Malkamuu Dhugaasaa, qorannoowwan kanaan duraa akka agarsiisanitti du’aatii dhukkuboota daddarboo hin taaneen ga’aa ture dhibbeentaa 25 irraa gara dhibbeentaa 40tti ol ka’uu eeraniiru.
Misoomni koriidarii hojjetamuun daa’imman, haadholii ulfa, maanguddootaa fi qaama miidhamtootaaf daandii mijataa uumuu bira darbee kaka’umsa sochii qaamaa akka guddatu taasiseera jedhan.
Sodaa dhukkuboota daddarboo hin taane fi furdina garmalee hir’isuu irratti gahee ol’aanaa qabaachu kaasan.
Jiraattonni Magaalaa Jimmaa gama isaanittin, sochiin ispoortii guddatoota, dargaggootaa fi maanguddoota hirmaachise bal’inaan geggeeffamaa jira jedhan.
Misoomsi koriidarii sochii qaamaatiif haala mijataa uumuun walitti dhufeenya hawaasummaa cimsaa jira.
Dabalataan, balaa tiraafikaa fi hanna daandii irraa hir’isuun naannawaa amansiisaa uumeera.
Tasfaahuun kabbadaatiin.