Fana: At a Speed of Life!

Abbaay fi Galaanni Diimaan misooma hunda galeessa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf bu’uura- Dooktar Habtaamuu Ittafaa

Finfinnee, Hagayya 5, 2018( FMC)- Abbaay fi Galaanni Diimaan misooma hunda galeessa Itiyoophiyaafi walitti hidhamiinsa naannawaa mirkaneessuuf bu’uura jedhan Ministirri Ministeera Bishaaniifi Inarjii Dooktar Habtaamuu Ittafaa.

Dhimmi jiraachuu fi jiraachuu dhabuu uummata Itiyoophiyaa qaamolee bishaanii kanneen lamaan waliin walitti dhufeenya cimaa akka qabuus dubbataniiru.

Itiyoophiyaan Abbayiin akka hin misoomsineefi akka hin fayyadamneef humnoonni alaa karaa gara garaatiin tattaaffii taasisuu kaasanii, haaluma walfakkaatuun, Itiyoophiyaan Galaana Diimaa irraa akka fagaattu gochuun uummata Itiyoophiyaa gatii guddaa kaffalchiisaa turuu yaadachiisaniiru.

Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa ijaaruun hawwii waggoota dheeraa biyyattii galmaan ga’uun akka danda’ame ibsuun, milkaa’inni kunis dhiibbaa uummata Itiyoophiyaa irratti waggoota dheeraaf taasifamaa ture cabsuuf akka dandeessise kaasaniiru.

Itiyoophiyaan shira garaagaraatiin Galaana Diimaa irraa akka fagaattu erga taasifamee booda, dhimma Galaana Diimaa kaasuun akka hin eeyyamamne, akkasumas namni dhimma kana kaasu maqaa addaatiin waamamaa akka ture ibsaniiru.

Gaaffii Itiyoophiyaan yeroo ammaa karaa nagaan ulaa galaanaatti fayyadamuuf dhiyeessite kutannoo hoggansa olaanaa kan mul’isu ta’uu himaniiru.

Dhimmi Galaana Diimaa dhimma mootummaa yookaan dhaaba siyaasaa tokkoo qofa osoo hin taane, hojii dhalootaa irraa dhalootatti darbu ta’uus ibsaniiru.

Abbaay fi Galaanni Diimaan misooma hunda galeessa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf bu’uura ta’uu Dooktar Habtaamuu Ittafaan eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.