Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa, dargaggoota isheerraa adda baasanii ilaaluun hindanda’amu-MM Dr. Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 6, 2018 (FMC)-Itiyoophiyaa, dargaggoota isheerraa adda baasanii ilaaluun hindanda’amu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad erga gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsanin, qoodamni umrii ummata keenyaa akka argisiisutti, dargaggoonni baay’ina olaanaa qabaachuun isaanii badhaadhina mirkaneessuu fi cimsuuf carraa guddaadha jedhan.

Aadaa fi barmaatilee boodatti hafoo, falmiiwwan, waldhabdee fi walitti bu’iinsa biyya keenya duubatti harkisaa turan irraa fagaachuun, dargaggoonni yeroo ammaa misooma irratti xiyyeeffachuu; hiyyummaas jibbuu himan.

Mootummaan Ida’amuu dargaggoonni karaa hundaan fayyadamoo akka ta’anii fi gahee isaanii hoggansa keessatti akka cimsan xiyyeeffannoo fi kutannoo olaanaan hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.

Mul’ata keenya dhugoomsuuf hunduu dammaqinaan carraaqaa, jaalalaan akka jiraannu waamicha koon dhiyeessa jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.