Fana: At a Speed of Life!

Gaachana birmadummaa Itiyoophiyaa…..

Finfinnee, Hagayya 6, 2018 (FMC) — Dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu biyya tokkoof, bilisummaa uummattootaa fi misooma waaraaf dhimmi nageenya waaraa fi tasgabbii amansiisaa isa ijoodha.

Itiyoophiyaan seenaa mootummaa dheeraa qabdu keessatti rakkoolee hedduu keessa darbiteetti.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa, daangaa biyyattii amanamummaadhaan eegaa har’a gaheera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa daangaa biyyattii eeguu qofa osoo hin taane, tokkummaa uummattootaa, nageenyaa fi kabaja biyyaalessaa tiksuuf shoora olaanaa qaba.

Akkasumas, duudhaa seenaa fi uummataa ammayyeessuun dhalootaa dhalootatti akka darbu taasisaa kan jiru mallattoo cochoominaati.

Bu’uurri seenaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa qabsoo bilisummaa Itiyoophiyaa durii waliin hidhata qaba.

Mallattoo eenyummaa waloo fi tokkummaa sabdaneessaa kan ta’e Raayyaan Ittisa Biyyaa sirna heera mootummaa fi tokkummaa daangaa biyyattii kabachiisuuf itti gaafatamummaa guddaa bahachuun, seenaa barreessuu isaa itti fufeera.

Miseensonni raayyaa ittisaa kutaalee fi naannolee biyyattii garaagaraa irraa kan walitti dhufan waan ta’aniif, ciminni isaa ciminaafi tokkummaa Itiyoophiyaanota hundaa kan calaqqisiisu ta’uun ifa galaadha.

Ciminnii fi maqaan gaariin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa horate dirqama waraanaa biyya keessaa qofa irratti kan daangeffame miti.

Raayyaan kun Afrikaa fi addunyaa bakka garaagaraatti ergamoota nageenya eegsisuu Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaan gaggeeffaman irratti dandeettii ogummaa olaanaa, naamusaa fi namoomaa agarsiise biyyattiin sadarkaa idil-addunyaatti kabajaafi galateeffannaa akka argattu godheera.

Akka fakkeenyaatti, walakkaa jaarraa 20ffaa keessa Kooriyaa fi Koongoo keessatti gootummaan waraanaa olaanaan agarsiifame, Riwaandaa fi Burundii keessatti yeroo miidhaan namoomaa cimaan mudatetti lubbuu lammiilee baraaruuf hojiin hojjetame, akkasumas Kibba Sudaanii fi Somaaliyaa keessatti nageenya naannichaa mirkaneessuufi shororkeessummaa ittisuu keessatti aarsaan guddaan kaffalame, hojiiwwan hawaasa idil-addunyaa irraa Itiyoophiyaaf galata argamsiisan turan.

Raayyaan kun naamusa olaanaa, dandeettii ogummaa fi jaalala biyyaatiin kan ijaarame yoo ta’u, nageenya, tasgabbii fi birmadummaa biyyattii eeguurratti ejjennoo cimaa qaba.

Jabana yaaddoon nageenyaa addunyaa bifaa fi amala isaanii jijjiirachaa dhufan kana keessatti, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaas saayinsii waraanaa ammayyaa, teeknooloojii olaanaa fi sirna odeeffannoo ammayyaatiin of qopheessaa jira.

Dandeettii waraanaa lafoo fi qilleensaa guddisuun, humna namaa leenjiin cimsuun, akkasumas meeshaalee waraanaa biyya keessatti oomishuu fi suphuu irratti dandeettii qabu guddisuun, Itiyoophiyaan balaa kamiiyyuu ittisuuf dandeettii ijaarrachaa jirti.
Kanaafuu, raayyaan ittisaa wabii amansiisaa, mallattoo tokkummaa uummattootaafi gaachana birmadummaa Itiyoophiyaa ta’ee dhaabbateera.

Malkaam Fiqaaduun.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.