Fana: At a Speed of Life!

“Mariin kun garaagarummaa waggoota dheeraaf ture furuudhaan abdii dhalootaa kan haaromsuudha” – Abbootii Amantaa

Finfinnee, Hagayya 7, 2018 (FMC) – Mariin biyyaalessaa waldhabdeewwan fi rakkoolee adda addaa hedduu irraa gara kallattii fooyya’aatti ceesisuudhaan abdii dhalootaa kan haaromsuudha jedhan abbootiin amantaa marii kana irratti hirmaatan.

Hirmaataan marii kanaa Qulqulluu Abuuna Filiphoos akka jedhanitti, mariin jireenyi namaa, nagaa, jaalalaa fi misoomni akka eegamuuf meeshaa murteessaa dha.

Garaagarummaa keessa ta’aniis yaada nama biraa kabajaan dhaggeeffachuun fi amala gaariin mari’achuun faayidaa waloo biyyaa, uummataafi hawaasaaf kan fidu ta’uu eeraniiru.

Dogoggorri fi garaagarummaan kaleessaa akka hin deebineef mariidhaan waliigaltee uumuun akka barbaachisu ibsuun, mariin nagaa biyyaa, tasgabbii uummataa, misoomaafi jireenya hawaasummaaf murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Hirmaataa marii kanaa kan ta’an Ustaaz Muktaar Jamaal gama isaaniin, waltajjiin marii kun Itiyoophiyaan garaagarummaafi waldhabdee waggaa dheeraaf baachaa turte furuuf boqonnaa murteessaadha jedhaniiru.

Yaadawwan adda addaa jiraachuun uumama ta’us, mariin kun yaadawwan waloo biyyaaf fayyadan cimsuu fi garaagarummaa karaa mariitiin keessummeessuun kallattii waloo uumuu kan kaayyeffate ta’uu ibsuun isaanii gabaafameera.

Mariin kun seenaa waldhabdee keessaa bahuun Itiyoophiyaa tokkoof mul’ata misoomaafi badhaadhina waloo ijaaruuf abdii guddaa kan kennuudha kan jedhan ammoo hirmaataa marii kanaa kan biraa Paastar Tasammaa Taaddasaa ti.

Mariin kun waldhabdeewwan adda addaafi rakkoolee hedduu irraa ceesisuudhaan kallattii haaraa banuun abdii dhalootaa kan ibsu ta’uu yaadachiisaniiru.

Qaamoleen hundi faayidaa dhuunfaafi garee dursuu irra faayidaa waloo biyyaalessaa gidduugaleessa godhachuu akka qaban abbootiin amantaa kunniin waamicha dhiyeessaniiru.

Yonaas Geetinnatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.