Fana: At a Speed of Life!

Marii Biyyaalessaan gareewwan 8’anuu waliigaltee irra ga’an

Finfinnee, Hagayya 7, 2018 (FMC) – Gareewwan marii ajandaa Marii Biyyaalessaa, dhimmoota ajandaa 8 irratti marii taasisaa turan hundi waliigaltee irra ga’uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise.

Gareewwan dhimmoota ijaarsa nagaa, dhimma amantii, malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii, akkasumas caasaa mootummaa fi sirna siyaasaa irratti mari’achaa turan duraanuu waliigaltee irra ga’uun kan yaadatamuudha.

Har’as gareewwan arfan hafan dhimmoota ijaarsa biyyaa, magaalota federaalaa, ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa seeraa fi mirga namoomaa, akkasumas dhimma hawaasummaa fi diinagdee irratti mari’achuun waliigaltee irra ga’uu isaanii komishinichi ibseera.

Haaluma kanaan, gareewwan marii ajandaa 8’n hundi dhimmoota isaaniif ramadaman irratti mari’achuun waliigaltee irra ga’aniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.