Finfinnee: Magaalaa Biqiltuu Qofa Osoo Hintaane Abdiis Dhaabdu
Magaalaan tokko kan madaalamtu guddina waaraa dhaloota boruuf dabarsituun, eegumsa qabeenya uumama isheef gootuun fi biqiltuu har’a dhaabduun.
Finfinneenis imala jijjiiramaa kana keessatti waggaa waggaadhaan jiraattota ishee hunda hirmaachisuun, bara 2011 irraa eegalee biqiltuuwwan gaaddisaa, miidhaginaa fi fuduraalee miiliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun adeemsa keessa simboo magaalattii jijjiiruu eegalteetti.
Imalli kun uwwisa magariisummaa magaalattii % 2.8 irraa gara % 24’ tti guddiseera.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin Finfinneen waggaa waggaadhaan biqiltuuwwan miiliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun magariisummaa magaalaa miidhaginarra darbee gara qulqullina qilleensaaf, fayyaa naannoof, bashannana uummataaf, ho’a magaalaa hir’isuuf, qabeenya uumamaa eeguu fi dhimma qulqullina jireenyaa dhaloota boruutti ceesisaa jirti.
Kanaafuu har’aa Finfinneen biqiltuu dhaabuuf qofa kan baatu osoo hin taane; egeree ishee ijaaruuf kan tattaafattuudha.
Magaalaa namni uumama waliin araaramaa, qilleensa, bishaan, biyyee fi uumama waliin nagaadhaan keessa jiraatu uumaas jirti.
Finfinneen magaalaa guddoo dippiloomaasii Itiyoophiyaa qofa miti; magaalaa Afrikaa addunyaa waliin walqunnamsiistuudhas malee.
Kanaafuu miidhaginni, qulqullinni, magariisummaan, jireenyaaf mijattuu ta’uun dhimma jiraattota Finfinnee qofa osoo hintaane dhimma Itiyoophiyaas ta’a.
Mukni har’a dhaabnu boru gaaddisa isaa jala taa’uuf qofa miti; ijoolleen keenyaa fi ijoolleen ijoollee keenyaa qilleensa qulqulluu akka argataniif, magaalaa magariisa keessa akka jiraataniif, naannoo miidhagaa keessatti akka guddataniif ashaaraa abdii nuti keenyuudha.
Wayita biqiltuu dhaabnu biqiltuu qofa osoo hin taane, gaaddisa, qilleensa qulqulluu, miidhagina, nyaata, abdii, dhaloota egereef ammoo jireenya dhaabna.
Biqiltuu Finfinneen dhaabdu lakkoofsa qofa miti; ilaalcha jijjiirameedhas malee.
Mukni har’a kunuunsitus dhaloonni egeree kan jalatti aara galfatudha.