Fana: At a Speed of Life!

Gareen diyaaspooraa dhaloota lammaffaa kaanaadaarraa gara Itiyoophiyaatti imala eegale

Finfinnee, Hagayya 8, 2018 (FMC) – Gareen Lammiiwwan Itiyoophiyaa dhaloota lammaffaa fi maatii isaanii hammate daawwannaaf har’a Kaanaadaa irraa gara Itiyoophiyaatti imala eegaleera.

Kaanaadaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa , Ambaasaaddar Tewodroos Girmaa, gareen kun Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Toroontoo irraa yeroo ka’u gaggeessaniiru.

Ambaasaaddar Tewodroos, jalqabbiin akkanaa dhaloota lammiiwwan Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan seenaa, aadaa fi eenyummaa Itiyoophiyaa waliin walitti hidhuuf faayidaa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Gareen kun ji’a tokkoof wayita Itiyoophiyaa turutti, aadaa fi biyya beekuuf daawwannaa geggeessu cinatti, hojiiwwan tola ooltummaa yeroo gannaa keessatti ni hirmaata jedhameera.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad, Itiyoophiyaanonni biyya alaa jiraatan biyya isaanii akka daawwatan yeroo gara garaatti waamicha dhiyeessaa turuu isaanii Ambaasaaddar Tewodroos yaadachiisaniiru.

Imalli garee dhaloota lammaffaa diyaaspooraa kunis hidhata isaan seenaa, aadaa fi eenyummaa biyya isaanii waliin qaban cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Ambaasaaddar Tewodroos, imalli kun Itiyoophiyaa fi diyaaspooraa gidduutti waliigaltee, michummaa fi tumsa cimsuuf, akkasumas diyaaspooraa fi uummata Itiyoophiyaa gidduutti riqicha dippilomaasii uummataa-uummataa ijaaruuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.

Qindeessaan garee kanaa Ashaanaafii Girmaa fi miseensonni garee biroonis, imalli kun hirmaattotaaf aadaa fi seenaa Itiyoophiyaa kallattiidhaan barachuuf, hidhata isaanii biyya isaanii waliin qaban cimsuuf, akkasumas hojiiwwan tola ooltummaa keessatti hirmaachuun hawaasaaf gumaacha akka taasisan carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Hojiin kunis gara fuulduraatti caalaatti cimee akka itti fufu mirkaneessuu isaanii odeeffannoon Imbaasii Itiyoophiyaa Kaanaadaa irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.