Mariin biyyaalessaa garaagarummaa furuun nageenya waaraa mirkaneessuuf dandeessisa – Jiraattota Magaalaa Finfinnee
Finfinnee, Hagayya 9, 2018 (FMC)- Mariin biyyaalessaa wal-dhabdeewwan baroota dheeraaf turan furuun nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhan jiraattonni Magaalaa Finfinnee.
Jiraattonni magaalattii Fanaa Dijitaaliif yaada kennan akka jedhanitti, garaagarummaa yaadaa irratti mari’achuudhaan furuun adeemsa ammayyaa’aa fi fudhatama qabudha.
Jiraataan Magaalattii obbo Baahiruu Bayyanaa akka jedhanitti, mariin kun hunda-galeessaa fi hirmaachisaa waan ta’eef, rakkoolee Itiyoophiyaa bakkeewwan garaagaraatti mul’atan furuuf kan dandeessisudha jedhan.
Garaagarummaa baroota dheeraaf turaniif furmaata kennuudhaan waldhabdeewwan karaa waaraa ta’een furuuf shoora olaanaa akka qabus ibsaniiru.
Jiraataan magaalattii biroon obbo Zamanuu Abbabaa gama isaaniitiin, waliif yaaduun fi wal kabajuun fi marii waloon garaagarummaa jiru furuu fi furmaata fiduun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Mariin biyyaalessaa waliigaltee waloo kan cimsu fi Itiyoophiyaa nageenyi ishee mirkanaa’e ijaaruuf kan dandeessisu adeemsa seena qabeessa ta’uu yaadachiisaniiru.
Yaa’ichi garaagarummaa yaadaa fi fedhiilee mul’atan irratti mari’achuudhaan furmaata ni amantaa jedhu kan qaban ta’uu kan ibsan ammoo obbo Yoonaas Tazarraadha.
Tigisti Gizaachoon
#Oromia #Ethiopia