Ilaalchi dargaggoota abbootii ijaarsa nageenyaa ta’anitti fayyadamuun walitti bu’iinsaaf saaxilu jijjiiramuu qaba — Aadde Muunaa Ahmad
Finfinnee, Hagayya 10, 2018 (FMC) — Dargaggoonni ijaarsa nageenyaa keessatti abbootii qooda olaanaa waan ta’aniif, ilaalchi duraanii dargaggoota walitti bu’iinsotaaf itti fayyadamuu guutummaatti jijjiiramuu akka qabu Ministir Deetaan Damee Dargaggootaa Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Aadde Muunaa Ahmad ibsan.
Itiyoophiyaatti yeroo 23ffaaf, addunyaatti yeroo 26ffaaf Guyyaan Dargaggootaa idil-addunyaa mata-duree “Beekumsa Dargaggootaa Garaagaraa, Mul’ata Wal00f” jedhuun Magaalaa Jimmaatti kabajamaa jira.
Aadde Muunaa Ahmad waltajjicharratti haasaa taasisaniin, dargaggoonni qabeenya tokkummaan biyya ijaaranii fi mootora ijoo diinagdee ta’uu ibsaniiru.
Kanaafis dargaggoota magaalaa fi baadiyyaa jiran carraa hojii irraa fayyadamoo taasisuuf hojiiwwan bal’aan qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
“Beekumsa, humnaa fi tajaajila tola-ooltummaa keenyaan Itiyoophiyaa haaraa badhaate waliin haa ijaarru” jechuunis dhaamsa dabarsaniiru.
Dargaggoonni ijaarsa nageenyaa keessatti abbootii qooda olaanaa waan ta’aniif, ilaalchi duraanii dargaggoota walitti bu’iinsaaf itti fayyadamu guutummaatti jijjiiramuu qabas jechuun hubachiisaniiru.
Kana malees, dargaggoonni nageenya eegsisan, waltajjiiwwan marii fi mootummaa keessatti qooda fudhatan, akkasumas abbootii ijaarsa biyyaa akka ta’an gochuuf furmaatawwan caasaa irratti hundaa’an qophaa’anii hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru.
Hoggantuun Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaa Roosaa Biyyaa gama isaaniitiin, gaheen dargaggootaa guddina fuulduraa biyyaafi dorgommii biyyaalessaa keessatti murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Dargaggoonni walitti dhufeenya hawaasummaa cimsachuun carraawwan jiranitti fayyadamuun dinagdeerraa fayyadamoo akka ta’an mirkaneessuuf naannichatti hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Warqaafarraahu Yaalewutu gabaase.
#Ethiopia #Oromia