Fana: At a Speed of Life!

Mariin kun biyya abdii qabdu akka uumu amantaa jabaa qabna – Hirmaattota

Finfinnee, Hagayya 10, 2018 (FMC) – Yaa’iin Marii Biyyoolessa Itiyoophiyaa biyya walii galteen keessatti babal’atee fi abdii qabdu akka uumu amantaa jabaa akka qaban dhaabbileen hawaasa siivilii maricharratti hirmaachaa jiran ibsan.

Yaa’iin Marii Biyyoolessa Itiyoophiyaa inni guddaan Adoolessa 8, 2018 kaasee Galma Walga’ii Idil-addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira.

Maricharratti hirmaattonni kumni afur biyya keessaa fi alaa irraa ajandaawwan guguddoo saddeet irratti waliigaltee waloo irra gahaa jiru.

Dhaabbileen hawaasa siivilii maricharratti hirmaachaa jiran akka jedhanitti, yaa’ichi iddoo yaadonni furmaataa waliigalteewwan nagaa fi misooma waaraa Itiyoophiyaatiif bu’uura ta’an itti maddanii dha.

Waliigalteen adeemsa kanaan irra gahamus tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti cimsuuf faayidaa guddaa akka qabu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Hirmaataa fi Pireezidantiin Waldaa Barsiisota Itiyoophiyaa Dooktar Yohaannis Bantii akka jedhanitti, yaa’iin waltajjii waloo hirmaachisaa kan lammiileen Itiyoophiyaa hunduu walqixxumma irratti hirmaatanii dha.

Hirmaattonni caasaa garee namoota 10 hanga 500 qabaniin mari’achuuf carraan uumamuu, bilisummaan yaada ofii ibsuuf haalli hirmaachisaa ta’e uumamuus ibsaniiru.

Hirmaataan kan biraa fi miseensi Boordii Dhaabbata Daldalaa fi Waldaalee Sekteraalee Itiyoophiyaa Injiinar Alamayyoo Nigaatuu gama isaaniin; rakkoolee bara dheeraaf turan marii gabbataa kanaan furuudhaan, biyya walii galteen keessatti dagaagee fi abdii qabdu uumuuf amantaa jabaa akka qaban dubbataniiru.

Maricharratti bakka buutonni uummataa hundi bilisummaan yaada dhiyyeessaa jiru kan jedhan immoo, dhaabbata hawaasa siivilii bakka bu’uun kan mari’achaa jiran Dooktar Abdiisaa Abbabaa ti.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.