Fana: At a Speed of Life!

Hojiin yaadota furmaataa walsimsiisuu xumuramaa jira- Komishinicha

Finfinnee, Hagayya 11, 2018(FMC)- Hojiin yaadota furmaataa gareewwan yaa’ii marii biyyaalessaan gabbifaman walsimsiisuu xumuramaa jira jedhe Komishiniin Marii Biyyaalessaa.

Itti aantuun Komishinara Olaanaa Komishinichaa Hiruut Gabrasillaasee haala adeemsa yeroo ammaa marichaa irratti ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin, tokkoon tokkoo garee yaa’ichaa bakka bu’oota 15 filuun yaadota furmaataa gareewwaniin gabbifaman walsimsiisuuf hojjechaa akka turan ibsaniiru.

Hojii guddaan bakka bu’oota kanneenii yaadota furmaataa yeroo dheeraa fudhachuun qophaa’an walsisiisuu akka ta’e eeraniiru.

Haaluma Kanaan yaadota furmaataa gareewwan 8 gidduutti yaadonni faallaafi irra deddeebii osoo hin uumamiin haala walfakkaataa ta’een akka dhiyaatu gochaa jiru jedhaniiru.

Dabalataanis bakka buutonni filataman yaadota furmaataa gareewwan biroorratti hubannoo fudhachuu kaasanii, waliin dubbisaa yaadota kan walsimsiisan ta’uu dubbataniiru.

Yeroo ammaa kana hojiin yaadota furmaataa gareewwaniin gabbifaman walsimsiisuu xumuramaa akka jiru ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.