Duula burjaajjii Ijipt fayyadamummaa bishaan Abbayyaa irratti gaggeessitu qolachuun barbaachisaadha- Dooktar Aragaawii Barihee
Finfinnee, Hagayya 13, 2018 (FMC)- Duula burjaajjii Ijipt fayyadamummaa bishaan Abbayyaa irratti gaggeessitu qolachuun barbaachisaadha jedhan Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Waajjira Qindeessa Ijaarsa Pirojektii Hidha Guddicha Haaromsaa Dooktar Aragaawii Barihee.
Hidhi Guddichi Haaromsaa fayyadamummaa haqa qabeessa bishaanii irratti seenessa dogoggoraa waggootaaf ture jijjiiruus kaasaniiru.
Hidhichi biyya kam iyyuu kan hin miine ta’uu fi naannawicha inarjiin walitti hidhaa akka jiru qabatamaan mirkaneessuus hubachiisaniiru.
Haa ta’u malee Ijipt dhugaa kana haaluun hojii burjaajjii uumuu bal’inaan hojjechaa akka jirtu ibsan.
Bishaan Abbayyaa biyyoonni yaa’ichaa tumsaan kan itti fayyadaman malee qabeenya dhuunfaa Ijipt akka hin taane eeruun, duulli burjaajjii ishee kun dhaabachuu akka qabu kaasaniiru.
Kaayyoo guddaan Itiyoophiyaa tumsaafi waloon guddachuu akka ta’e hubachiisuun, fayyadamummaa haqa qabeessa bishaan Abbayyaa ilaalchisee himannaa bu’uura hin qabne Ijipt tamsaastu qolachuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Itiyoophiyaanonni yoo waltumsan maal milkeessuu akka danda’an ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsaa irratti mul’isuu eeranii, gara fuula duraatti hidhawwan hedduu ijaaruuf dandeettii fi qophaa’ummaa qabaachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Wayita ijaarsa hidhichaa uummata hirmaachisuun muuxannoo guddaan argamuus dubbataniiru.
Muuxannoon kun hojiilee misoomaa gara fuula duraarratti hojjetamaniif galtee guddaa ta’uus eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia