Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaanti Siiriil Raamaafoosaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa simachuun waliin mari’ataniiru.

Obboleessa Koo Pireezidaanti Siiriil Raamaafoosaa gammachuun simadheera jedhan Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Sirna Hunfeeffama Mootummaa Ida’amuu kabajuu keenyaaf ergaa baga gammaddaniif isaan nuuf dabarsaniif nan galateeffadha jedhuun ibsan.

Itiyoophiyaa fi Afrikaan Kibbaa tokkummaa, nageenya, Misoomaa fi abdii ardichaaf murannoon kan hojjetaan ta’uu eeran.

Biyyoota hariiroo seenaa qabeessaa fi cimaa qaban ta’uu ibsuun, michummaan biyyoota laman gidduu jiru caalmaatti akka cimu abdii qabaachuu himan.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGudda

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.