Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad

Qaammee 2, Guyyaa Olka’iinsaa

Itiyoophiyaa jecha bira darbuun milkaa’ina qabatamaadhaan dhaabbatte!

Kaleessa “Itiyoophiyaan Kaateetti” yoo jennu hawwii utuu hin ta’iin dhugaa har’a qabatamaadhaan mirkaneessinedha!
Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha irraa hanga misooma kooriidarii ammayyaatti, Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu guddichaa hanga riifoormii dinagdee Goorootti olka’iinsi biyya keenyaa gochaan dhugoomeera.

Jijjiiramni kun sadarkaa jireenyaa lammiilee keenyaatiin, ammayyoomuu magaalotiifi carraa hojii uumuutiin ifa dhugaa ta’uurraayyuu, mul’ata guddaa abdii egeree ijoollee keenyatti horudha.

Kana booda duubatti hin deebinu! Imala olka’iinsaa seena-qabeessa eegalleen humna misoomaa keenya caalaatti saffisiisuudhaan olka’insa Itiyoophiyaa gara badhaadhina waaraatti ol ni kaafna.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.