Fana: At a Speed of Life!

Halluuwwan miidhagoo Fulbaanaa, duudhaalee aadaa hanga Cichoomina biyyaalessaa

Aadaawwan durii Itiyoophiyaanonni bara dheeraaf ce’an keessaa duudhaaleen nageenyaa, wal-gargaarsaa fi walitti bu’iinsaa karaa aadaan hiikuun isaan duraati.

Duudhaaleen kunniin haqa hawaasummaa fi nageenya hawaasaa mirkaneessuuf ogummaawwan bulchiinsaa mandhaleedha.

Aadaa, seenaa fi duudhaalee amantaa garagaraan kan ijaaramte Itiyoophiyaan, Ummanni ishee Baatiin Fulbaanaa abdii ifaa ta’uu isaan bakka guddaa kennuuf.

Yeroon kun jijjiirama haala qilleensaa qofa osoo hin taane, ayyaanota aadaa fi amantii tokkummaa hawaasaa, araara, waliin jireenya fi seenaa tokkummaa biyyaalessaa ifatti kan mul’isan waltajjii waloomaati.

Yeroo ammaa Itiyoophiyaan wayita boqonnaa ijaarsa biyyaalessaa keessa jirtu kanatti, duudhaalee aadaa kanneen kunuunsuu fi cimsuun dhimma murteessaa ta’uu hubattee irratti hojjetaa jirti.

Itiyoophiyaan imala misoomaa fi guddinaa guddaa qabatte milkeessuu dursa nageenya, wal-amantaa fi obbolummaa uummattootaa cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jirti.

Rakkoolee jiran marii fi marabbaan furuun wal amantaa ummataa fi mootummaa gidduu jru gabbisa.

Kanaafuu, duudhaan wal-deeggarsaa fi wal-danda’uu baatii Fulbaanaa keessa mul’atu, imala haaromsa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf, akkasumas qormaatawwan hawaasummaa fi siyaasaa tokkummaan dabruuf, humna guddaa ta’u danda’u.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.