Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad, Omaar Gillee fi Alikoo Daangootee waliin ta’uun Jibuutiitti ujummoo boba’aa calalamaa daddabarsu ifoomsan

Finfinnee, Fulbaana 14, 2019 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Jibuutii Omaar Gillee fi Alikoo Daangootee waliin ta’uun Jibuutii Daamaarjoogin irraa ka’ee karaa Daawaleen Itiyoophiyaa waliin kan wal qunnamsiisu, akkasumas Invastimantii tarsiimawaa guddaa ta’e,sarara ujummoo dabarsaa boba’aa calalamaa haaraa diriirsuu ifoomsaniiru.
 
Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Pireezidaanti Ismaa’eel Omaar Gillee fi Aliikoo Daangotee waliin ta’uun, Jibuutii Daamaarjoogin irraa ka’ee karaa Daawaleen Itioophiyaa waliin kan wal qunnamsiisu, akkasumas Invastimantii tarsiimawaa guddaa ta’e, sarara ujummoo dabarsaa boba’aa calalamaa haaraa diriirsuu keenya ifoomsineerra jedhan.
 
Pirojektichi tarminaaloota kuusaa fiixee biyyoota lamanii ijaaramuurratti kan hirkate yoo ta’u, bu’uura misoomaa seenaa qabeessa kana walta’iinsa Itiyoophiyaa Invastimantii Hooldingi fi Garee Daangooteen waliin hojjeta.
Pirojeektichi baasii fi harkifannaa loojistiksii hir’isuun, wabii anniisaa ni cimsa, akkasumas sarara daldala Itiyoophiyaa fi Jibuutii kan ariifachiisuu fi waareesuu ta’uu ibsaniiru.
‎Bu’uurri misoomaa kun sarara ujummoo dabarsa boba’aan olitti, Invastimantii fi waloon misoomuu Afrikaanootaa bu’ura kan godhate, guddina waaraa, walitti hidhamiinsaa fi diinagdee waloo amansiisaa caalmaatti kan guddisu carraa invastimantii bal’aa ta’uu eeraniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.