Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa tajaajila nyaataa haaraa beeksise
Finfinnee, Fulbaana 14, 2019 (FMC) – Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa tajaajila nyaataa haaraa bara Faranjootaa 2027 dhiyaatu ifoomseera.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa qajeeltoo maamiltoota gammachiisuu bu’uura godhate hojjetaa jiraachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensichaa obbo Masfin Xaasaw ibsaniiru.
Tajaajila sadarkaa idil addunyaa eeggate dhiyeessuun dorgomtummaa isaa cimsee itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu kaasan.
Tajaajila Nyaataa haaraa kanarratti Sheefonni Idil Addunyaa, akkasuma ogeeyyiin damee nyaataa muuxannoo olaanaa qaban hirmaachuu ibsan.
Meeshaaleen nyaata qopheessuuf tajaajilan daran ammayyaa ta’an guutamuu dubbatan.
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa yeroo itti aanu damee tajaajila nyaatanis badhaafamaa ta’uuf xiyyeeffannoon kan hojjetu akka ta’e eeran.
Qiddisti Birhaanutiin
#Oromia #Ethiopia