Hojiilee gurguddoo Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad baatiiwwan Hagayyaafi Fulbaanaa keessa hojjetan
Ashaaraa Magariisaa:-
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2018 mata duree “Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun gaggeeffamaa ture xumuramuu sababeeffachuun sagantaan dhaabbii biqiltuu kan gaggeeffame yoo ta’u, Saganticha irratti Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoon, akkasumas hooggantoonni mootummaa olaanoon hirmaataniiru.
Dhimmoota Hawaasummaa:-
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Ayyaanota bara haaraa fi Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga geessan dabarsaniiru.
Ayyaana bara haaraa sababeeffachuunis hojjettoota Waajjira Ministira Muummeef kennaa ayyaanaa kennaniiru.
Akkasumas daa’imman waajjiricha keessatti guddachaa jiraniif meeshaalee barnootaa gumaachaniiru. Dabalataanis Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoo waliin ta’uun maaddii qoodaniiru.
Dhimmoota Bulchiinsaa:-
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad walga’ii idilee 59ffaa Mana Maree Ministirotaa irratti argamuun walga’icha kan hogganan yoo ta’u, Manni Marichaas gurmaa’iinsa, aangoofi hojiirra oolmaa qaamolee raawwachiiftuu mootummaa federaalaa, bulchiinsa daataa biyyaalessaa, fooyyessii damee anniisaa, dambii fooyyessii gibira galii mootummaa federaalaa, dambii fooyyessii taaksii dabalata qabeenyaa (VAT) federaalaa, akkasumas fooyyessii wixinee labsii Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti mari’achuun murtoowwan dabarseera.
Eebbaafi Eegalchiisaa Pirojektootaa:-
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, jala bultii bara haaraatti Pirojektii babal’ina Giddugala Loojistiksii Ammayyaa Moojoo eebbisaniiru.
Giddugalichi lafa heektaara 60 irratti kan ijaarame yoo ta’u, imala Itiyoophiyaan naannawaa daldala bilisaa Afrikaa keessatti taasisaa jirtu qabatamaan kan agarsiiseedha.
Giddugalli kun buufataalee fi man-kuusaawwan ammayyaa waggaatti konteenaroota abbaa tarkaanfii 20 miliyoona tokko keessummeessuu danda’an of keessaa qaba.
Dippiloomaasii fi Hariiroowwan Gamlamee:-
Bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti, Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi Korporeeshinii Faayinaansii Addunyaa (IFC) gidduutti waliigalteen tumsa seenaa qabeessa ta’e mallatteeffameera.
Waliigaltichi Itiyoophiyaatti dhaabbata jalqabaa kan ta’e, dhaabbata addaa liqii mana jireenyaa deebisee maallaqaan cimsu hundeessuuf dandeessisu yoo ta’u, manneen jireenyaa miiliyoona 1.5 haala kabaja lammiilee eeguun ijaaramuun gatii madaalawaan akka dhiyaatan, akkasumas tarkaanfii murteessaa hirmaannaa damee dhuunfaa mirkaneessudha.
Kana malees Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii hoggantootaa BRICS 18ffaa qopheessummaa Hindiin gaggeeffame irratti hirmaataniiru.
Yaa’ichaan cinaattis hoggantoota biyyoota Hindii, Raashiyaa, Chaayinaa, Emireetota Araba Gamtoomanii, Iraan, Maaleezhiyaa, Kaazaakistaanii fi Veetnaam waliin dhimmoota tumsa biyyoota lamaanii irratti mari’ataniiru.
Yaa’ichi imala fi qophii Itiyoophiyaan COP32’f taasisaa jirtu kan deeggare yoo ta’u, adeemsa Itiyoophiyaan Dhaabbata Daldala Addunyaatti makamuuf taasisaa jirtus jajjabeesseera.
Akkasumas, Itiyoophiyaan Dhaabbata Siiviilii Aviyeshinii Addunyaa keessatti bakka bu’aa Afrikaa taatee dhiyaatte akka filatamtu sagalee guutuun kan deeggare waltajjii bu’a qabeessa ture.
Dabalataanis, Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad baatii kana keessa Jibuutiitti daawwannaa hojii kan taasisan yoo ta’u, turtii isaaniin Pireezidaantii Jibuutii Ismaa’el Umar Geellee fi Aliikoo Daangotee waliin ta’uun ijaarsa pirojektii tumsa Afrikaanotaa cimsu sarara ujummoo dabarsaa boba’aa qulqullaa’e Dawwaallee–Daarmajoog jalqabsiisaniiru.
Bu’uurri misoomaa kun Jibuutii, Daarmajoog irraa kaasee hanga Itiyoophiyaa, Dawwaalleetti, fageenya kiiloo meetira 120 kan dheeratu yoo ta’u, dhaabbilee boba’aa galaanaa irraa boba’aa fudhatan fi kuusaa qarqara galaanaa Daarmajoogitti argaman, dhaabbilee kuusaa fi babal’ina boba’aa kanneen Dawwaallee, Itiyoophiyaatti argaman waliin walitti hidha. Kanaanis sirni lojiistikii boba’aa qindaa’aan ni diriirfama.
Dhuma baatii kanaarrattis, Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammudiin buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti simataniiru.
Dabalataanis, sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu Pirojektii boba’aa Calaluu Laamuu Keeniyaatti gaggeeffame irratti hirmaataniiru.