Fana: At a Speed of Life!

Buna – Kennaa dinqisiisaa Itiyoophiyaa Guddittiin addunyaaf arjoomte

Finfinnee, Fulbaana 21, 2019 (FMC) – Har’i Guyyaa Buna Addunyaa ti. Bunni bosonawwan lalisoo Itiyoophiyaa keessaa ka’ee, maaddii addunyaa miidhagsaa jiru, har’as utubaa dinagdee fi mallattoo aadaa biyya keenyaa ta’ee itti fufeera.

Bunni, bifa Itiyoophiyaan addunyaa irratti ittiin mul’attu dha; Itiyoophiyaan lafa magariisaa ishee irraa oomishtee addunyaaf kennaa dhandhamaa dinqisiisaa laatte dha.

Bunni galii daldala alaa Itiyoophiyaan argattu keessaa qooda olaanaa kan qabu yoo ta’u, fedhii fi qulqullina gabaa addunyaa irratti qabuun dandeettii sharafa alaa biyyattii cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Waggoota dhiyoo asitti hojiiwwan oomishaa fi oomishtummaa bunaa guddisuuf hojjetamaniin, oomishni kun damee qonnaa waliigalaaf sadarkaa guddinaa haaraa banuu danda’eera.

Yeroo jalqabaaf firii bunaa funaantee walitti qabdee addunyaaf kan laatte Itiyoophiyaan, damee qonnaa jalatti galii bunaa irraa argattu sadarkaa olaanaatti guddisuuf hojjechaa jirti.

Bara 2018tti Itiyoophiyaan buna gabaa alaatti ergitu irraa galii doolaara biiliyoona 3.1 kan argatte yoo ta’u, galiin kun galii waliigalaa waggoota 17 darban keessatti argatte doolaara biiliyoona 3.3 waliin kan walitti dhiyaatuudha.

Sirni bunaa Itiyoophiyaa mataan isaa obsaa kan barsiisuu fi tasgabbiis kan gonfachiisuudha.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaas, naannoo oomisha bunaaf miijatu uumuu irra darbee, hojiin babal’ina biqiltuu bunaa mirkaneessuu kan ittiin hojjetamee dha.

Fuuldurattis teeknooloojiitti fayyadamuun qulqullina oomisha bunaa daran fooyyeessuun, faayidaa dinagdee bunaa fi gahee inni maqaa gaarii biyyattii addunyaatti mul’isuuf qabu guddisuun barbaachisaa dha.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.