Fana: At a Speed of Life!

Qabeenyawwan naannichaa misoomsuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuun danda’ameera – Obbo Muusxafee Mahaammad

Finfinnee, Fulbaana 21, 2019 (FMC) – Qabeenyawwan naannichaa misoomsuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifameen bu’aa guddaan galmaa’uu Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Muusxafee Mahaammad ibsan.

Manni Maree Naannoo Somaalee marsaa 7ffaa yaa’ii isaa jalqabaa gaggeessen Obbo Muusxafee Mahaammad Pireezidaantii Naannichaa gochuun irra deebiin moggaaseera.

Obbo Muusxafeen yaa’ii kanarratti haasawa taasisaniin, yaadama misoomaa Mootummaa Ida’amuurratti hundaa’uun waggoota darban keessatti naannichatti milkaa’inawwan guguddaan galmaa’uu kaasaniiru.

Waggoota shanan dhufanis milkaa’ina caalu galmeessuuf qophiin taasifamuu ibsaniiru.

Qabeenyawwan naannichaa misoomsuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifameen bu’aan guddaan galmaa’uu ibsanii, nageenyaa fi misooma mirkaneessuun cinatti sirna siyaasaa tasgabbaa’aa uumuun akka danda’ame dubbataniiru.

Oomishtummaa guddisuun yaada hirkattummaa irraa ba’uun, akkasumas birmaddummaa nyaataa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifame bu’aa quubsaa argamsiisuu ibsaniiru.

Kanaafuu, waggoota shanan dhufan keessatti humna walitti ida’ameen dameewwan misoomaa garaagaraa keessatti milkaa’inawwan galmaa’an itti fufsiisuuf tattaaffiin qindaa’aan kan taasifamu ta’uu Obbo Muusxafee Mahaammad himuu isaanii ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.