Tarkaanfii Mootummaan siyaasa hammataa fi hirmaachisaa uumuuf fudhate jajamuu qaba – Hoggantoota paartilee siyaasaa muudaman
Finfinnee, Fulbaana 21, 2019 (FBC) – Mootummaan boqonnaa siyaasaa hirmaachisaa fi hammataa uumuuf tarkaanfiin fudhate jajamuu qaba jedhan hoggantoonni paartilee siyaasaa morkattootaa miseensa Mana Maree Magaalaa Finfinnee ta’anii fi hojii raawwachiisummaan filataman.
Manni Maree Magaalaa Finfinnee, hundeeffama mootummaa bulchiinsa magaalichaa fi waltajjii baniinsaa marsaa 4ffaa isaa kaleessa gaggeesseera.
Miseensi Koree Giddugalaa Sochii Biyyaalessaa Amaaraa fi qindeessaa hirmaannaa hawaasaa fi tola ooltummaa irratti itti gaafatamummaan kan muudaman Aadde Tsiyoon Darajjee, wayita kana akka jedhanitti, mootummaan boqonnaa siyaasaa hammataa fi hirmaachisaa ta’e uumeera.
Garaagarummaa ilaalcha siyaasaan osoo hin daangeffamin, dhimmoota bu’uuraa biyyaalessaa fi damee misoomaa irratti waliin hojjechuun ejjennoo ABIN ta’uus ibsaniiru.
Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti sagalee fi yaadni paartilee dorgomtootaa akka itti hammatamuuf carraan uumamuun misooma magaalaa fi ijaarsa sirna dimokraasii irratti gumaacha gaarii qabaachuu Aadde Tsiyoon Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf ibsaniiru.
Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Hiddaasee Itiyoophiyaa fi miseensi Mana Maree Magaalaa Finfinnee Injiinar Suraafel Isheetuu gama isaaniin, kutannoo mootummaan waliin hojjechuuf agarsiise dinqisiifataniiru.
Dhaabbileen lammiileef tajaajila kennan caalaatti akka cimaniif tattaaffiin kan taasifamu ta’uu fi dhimmoota biyyaalessaa fi fayyadamummaa lammiilee irratti paartiin isaanii mootummaa waliin akka hojjetu hubachiisaniiru.
Itti fufuunis, Mana Maree Magaalaa Finfinnee keessattis karoora qophaa’e fi kallattiiwwan kaa’aman itti gaafatamummaan akka raawwatan ibsaniiru.