Irreechi Ayyaana Eebbaa fi arjummaa Uumaan itti galateeffatamu fi kakuun uumaa wajjin itti haareffamuu dha- Aadde Adaanech Abeebee
Finfinnee, Fulbaana 22, 2019 (FMC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee “Baga Ayyaana Irreechaa bara 2019 tin Nagaan isin gahe!” jechuun ergaa dabarsaniiru.
Aadde Adaanechi ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, Irreechi Ayyaana Eebbaa fi arjummaa Uumaa itti galateeffatamu, kakuun umaa wajjin itti haareffamu, Ayyaana nagaa, jaalala, araaraa fi tokkummaati jedhan.
Ayyaanni Irreechaa dukkanaa fi hurrii gannaa keessaa gara birraa dibataa fi daraaraa Birraatiin ce’uu kan agarsiisu ta’uus eeran.
Magaalaan keenya Ayyaana Irreechaatiin faayamtee, damee turizimii guddisuu fi keessummoota simachuuf yeroo kamiyyuu caalaa mijattuu, mallattoo nagaa fi miidhaginaa ta’uudhaan gammachuudhaan dinagdee Ishee daddamaqsuu egaltee jirti jechuunis ibsaniiru.
Ayyaanni kun “Irreecha Waliigaltee Biyyaaleessaatiif”mata duree jeedhuun haala ho’aa fi miidhagaa ta’een akka kabajamuuf, magaalaan keenya Finfinneen qophiilee aartii,konsertoota, mareewwan paanalii, dorgommiilee Ispoortii, feestivaalota, agarsiisa footoo fi kkf qopheessuudhaan Ayyaanichi haala adda ta’een akka kabajamu gochaa jirtis jedhan.
Dabalataaniis jiraattonni magaalatii fakkeenyummaadhaan keessummoota kabajamoo kutaalee biyya garaa garaa fi biyya alaati dhufan simachuuf qophii isaanii xumuranii, tumsa fi simannaa Olaanaa irratti akka argaman hubachiisan.
Ayyaanni kun kan hundi ittiin Miidhaguu, Magaalaa Finfinneef hawwata turizimii Filatamtuu fi miidhagiina ishee addunyaaf kan calaqqisiisu Ayyaana afddaa ta’us ibsan.
Ayyaanni dinqisiisaa kan waliinii keenya ta’e kun, jiraattonni magaalaa keenya hundi aadaa simannaa fi keessummeessuu ol’aanaa gochaan agarsiisuudhaan, obboloota keenya naannoo garaa garaarraa dhufan kabajaan simachuu, jaalalaa fi miira tokkummaa ol’aanaadhaan haala oo’aan akka kabajamu waamicha koo kabajaan dhiyeessas jedhan.
Waaqayyoo Itoophiyaa fi ummata ishee akka eebbisus hawwii qaban ibsaniiru.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa