Fana: At a Speed of Life!

Irreecha: Calaqqee eenyummaa fi ulfoo uummata Oromoo Qormaatileef hin jilbeenfanne…

Finfinnee, Fulbaana 22, 2019 (FMC) – Duudhaalee sirna Gadaa simboo uummata Oromoo addunyaatti calaqqisiisan keessaa tokko Irreecha.

Irreecha mallattoo nagaa, jaalalaafi araaraa !

Waggoota dheeraaf sababoota adda addaan laafee kan ture sirni kabaja Irreechaa, hojii Mootummaan Ida’amuu tokkummaa sabdaneessummaafi obbolummaa uummattootaa cimsuuf hojjeteen Irreechi Oromiyaarra darbee naannolee biroottis kabajamuu eegaleera.

Kanaaf ammoo Irreechi Malkaa Asoosaa Naannoo Beenishaangul Gumuz fi Irreechi Malkaa Baaroo Naannoo Gaambeellaatti kabajamu ragaa qabatamaadha.

Kana malees mootummaan naannichaa dhaloota afaan, seenaafi aadaa isaatti boonu horachuuf akkasumas duudhaafi aadaa Oromoo gabbisuuf haaromsa aadaa labsuun xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa jira.

Haaromsi aadaa kun aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa bakka isaaf malutti deebisuufi sirnaan utubuun safuu fi safeeffannaa Oromoo dhaloota itti aanutti dabarsuu irratti xiyyeeffata.

Hojiilee gama Kanaan hojjetamaniin malkaawwan Irreechaa hedduu bakkeewwan garaagaraatti waggoottan dheeraaf dhokatanii turan saaqamuun uummata tajaajiluu eegalaniiru.

Haaluma Kanaan waggoottan muraasaa as Ayyaanni Irreechaa guutuu Oromiyaatti akkaataa aadaa, duudhaafi safuu isaa eeggateen gaggeeffamaa jira.

Akka ragaa Biiroo Aadaafi Ispoortii Oromiyaatti, hojii haaromsa aadaaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa tureen Malkaawwan irreecha deebi’anii saaqamuun yeroo ammaa gara 296 oliitti guddateera.

Ayyaanni Irreechaa baranaas guyyaa boruu miliyoononni irratti argamuun Doloolloo Bideeenaatti kan kabajamu Irreecha Hora Finfinneen eegalamee Dilbata magaalaa Bishooftuutti Hora Harsadeetti kabajamuun itti fufa.

Irreefattoonnii fi keessummoonni adda addaas biyya alaa fi keessaa, sabaa fi sablammoota obboleewwan dabalatee ayyaana kana irratti hirmaachuuf gara malkaawwan kanneeniitti dhufaa jiru. Ulaawwan seensaa adda addaa irrattis simannaa ho’aan simatamaa jiru.
Irreechi Birraa kun malkaawwan hundatti akkaataama naannoo naannoon kabajamuu itti fufa.

Dhaloonnis aadaa, dudhaa fi safuu ganamaa abbootaan eegamee asi ga’e barachaa, sirna kanas itti fufsiisuuf barnootaa fi muuxannoo abbootiirraa fudhachuun eegee kunuunsee egereef itti fufsiisa.

Kanaan Irreechi ayyaana sabdaneessaa ta’ee itti fufa.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.