Fana: At a Speed of Life!

Dandeettiidhaan malee kootaadhaan miti: Waamicha mootummaa haaraa hundeessuuf dhiyaate

Finfinnee, Fulbaana 24, 2019 (FMC) – Mootummaan Wiixata dhufu hundeeffamu seenaa Itiyoophiyaa keessatti baay’ee murteessaa dha.

Mootummaan haaraan hundeeffamu kun biyya ceesisuu, haqaqabeessummaa mirkaneessuu, Itiyoophiyaan kan hundaa ta’uu ishee qabatamaan agarsiisuu fi adeemsa biyya cimaa waliin ijaaruu daran saffisiisuu akka danda’u ummanni abdii guddaa qaba.

Haa ta’u malee, abdiin kun dhugoomuu kan danda’u qoodiinsi aangoo mootummaa dandeettii, fageessanii yaaduu fi biyya ijaaruurratti hundaa’uun yoo gaggeeffamee fi sabaan yookaan gareedhaan “kootaa” qooduun yoo hin raawwatamne qofaadha.

Aangoo kootaadhaan qooduun yeroo gabaabaaf tasgabbii siyaasaa fiduu fakkaachuu danda’a. Garuu yeroo dheeraaf dhaabbilee laaffisuu, malaammaltummaa babal’isuu fi kufaatii hoggansaa fiduu akka danda’u muuxannoon seenaa keenya ni agarsiisa.

Biyya gara boqonnaa fooyya’aatti ceesisuun kan danda’amu, eenyummaa sabaa yookaan garee isaan qabaniin osoo hin taane, beekumsa, dandeettii, naamusa hojii fi dandeettii fageessanii yaaduu qaban irratti hundaa’uun hoggantootaa fi ogeessota haaraa filachuudhaan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kitaaba isaanii “Mootummaa Ida’amuu” jedhu keessatti akka ibsanitti, Ciminni biyya tokkoo dhaabbilee ciccimoo ijaaramanii fi namoota gahumsa qaban dhaabbilee sana keessatti ramadaman irratti hundaa’a.

Aangoon kootaan yoo ta’e, dhaabbileen faayidaa garee tokkoo eeguuf kan tajaajilan ta’u; dandeettii irratti yoo hundaa’e garuu uummataaf tajaajila walqixaa kan kennan ta’u.

Hoggantoonni mootummaa itti aanu keessatti hammataman, ho’a siyaasaa guyyaa guyyaa qofa kan ilaalan osoo hin taane, abjuu biyyattiin waggoota dhufan keessatti qabdu kan bocan “warra fagoo yaadan” fi jijjiirama gara qabatamaatti kan fidan “warra biyya ijaaran” ta’uu qabu.

Kitaaba “Daandii Ida’amuu” keessatti akka ibsametti, seenaan biyyattii walitti bu’iinsaa fi qoqqoodamiinsa irraa gara misoomaa fi tokkummaatti akka ce’uuf hoggantoota dandeettii yaadaa olaanaa qaban barbaachisa.

Hoggansi gahumsa qabu olaantummaa seeraa fi haqaqabeessummaa mirkaneessa. Mirgi lammiilee hundaa walqixa kabajamuu fi biyyattiin kan hundaa ta’uun kan mirkanaa’u, hoggantoonni lammiilee hundaaf walqixa dhaabbachuu danda’an dandeettii ogummaa yoo qabaatan qofa.

Haalli biyyaalessaa fi idil-addunyaa yeroo ammaa keessa jirru, hoggansa miiraan geggeeffamu osoo hin taane, beekumsaafi tarsiimoodhaan gaggeeffamu barbaada.

Yaadni Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad waltajjiiwwan Paarlaamaa fi uummataa adda addaa irratti irra deddeebi’anii kaasaa turan akka mirkaneessutti, Biyyi kan ijaaramtu hojii waloo fi dandeettiidhaan malee sanyii fi qoodiinsa siyaasaan miti; biyyi kan hundaa kan taatu sirni lammiin hundi dandeettii fi hojii isaaniitiin ittiin madaalaman yoo diriireedha.

Yaadni kunis mootummaa Wiixata dhufu hundeeffamuuf qajeeltoo ijoo ta’uu qaba.

Taarikuu Laggasaan

#Oromia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.