Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa damee anniisaaf kan oolu deeggarsa liiqii Doolara Miiliyoona 100 fi miiliyoona 45 raggaasise

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2019 (FMC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa damee anniisaa ammayyeessuuf kan oolu deeggarsa liiqii Doolara Miiliyoona 100 fi miiliyoona 45 ol raggaasiseera.

Deeggarsi waliigaltichaa Mootumama Itiyoophiyaa fi Waldaa Misoomaa Idil Addunyaa gidduutti kan taasifame yoo ta’u, labsii lakkoofsa 1441/2019 ta’ee sagalee guutuun ragga’eera.

Waamamaan Olaanaa Mootummaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsa mana marichaaf kennaniin, deeggarsi liiqii argame riifoormii fi invastimantii seektara anniisaa ammayyeessuuf piroojektii marsaa jalqabaa raawwachuuf kan oolu ta’uu ibsaniiru.

Kaayyoon olaanaan liiqii kanaa anniisa daddabrsaa Magaalaa Finfinnee cimsuu, Buufataalee anniisaa haaraa ijaaruuf, kanneen turan fooyyeessuuf akkasumas, sarara daddabarsa anniisaa lafa jalaa diriirsuuf kan dandeesisu ta’uu dubbataniiru.

Gama biraatiin Manni Marichaa haasawaa baniinsaa Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Walga’ii waloo Manneen maree lameenirratti taasisaniif deeggarsa mooshinii dhiyaate dhaggeeffateera.

Deeggarsi mooshinichaas miseensoota mana marichaan deeggarsa kan argate yoo ta’u mooshinichi Bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti kan raggaasifamu ta’uu Afyaa’iin Mana Maree bakka Bu’oota Uummataa Obbo Ahimad Shideen dubbataniiru.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mullata Guddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.