Maallaqni kuufamaa Baankii Awaashii Birrii tiriliyoona walakkaa oli qaqqabe
Finfinnee, Fulbaana 21, 2019 (FMC) – Baankiin Awaashii maallaqni waliigalaa kuufame Birrii tiriliyoona walakkaa ol ga’uu beeksiseera.
Baankichi maallaqni waliigalaa isaa kuufame Birrii tiriliyoona walakkaa oli ga’uu ilaalchisee waajjira muummee isaatti fi dameewwan isaa hunda keessatti kabajeera.
Sagantaa waajjira isaa muummeetti gaggeeffamerratti, Walitti qabaa Boordii Daayirektarootaa Baankichaa Obbo Guuree Kumsa dabalatee miseensonni hoggansa olaanaa baankichaa argamaniiru.
Hoji Gaggeessaan Olaanaa Baankichaa Tsahaay Shifarraaw akka ibsanitti, baankichi erga hundeeffamee kaasee tajaajila maamiltoota irratti xiyyeeffate kennuun waggoota 32 milkaa’inaan dabarseera.
Baankichi maallaqa kuufame walitti qabuun Birrii tiriliyoona walakkaa olitti ce’uun, baankota dhuunfaa biyyattii keessatti argaman keessaa dursummaa isaa mirkaneeffateera jedhan.
Milkaa’ina kana keessatti ga’ee olaanaan kan maamiltootaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu ta’uu ibsuun, isaanis galateeffamuu akka qaban dubbataniiru.
Baankiin Awaashii maamiltoota isaa waliin walitti dhiyaatee hojjechuun milkaa’ina kana galmeessuu eeranii, tumsi fi hariiroon maamiltoota isaa waliin qabu fuulduraafis caalaatti akka itti fufu mirkaneessaniiru.