Hojiilee misoomaa dursi kennamuuf waaraan deeggaruuf sirna faayinaansii fooyyessuu barbaachisa- Dooktar Iyyoob Takkaalliny
Finfinnee, Onkoloolessa 5, 2019(FMC)- Hojiilee misoomaa biyyoonni guddinarra jiran dursa kennaniif waaraan deeggaruuf sirna faayinaansii fooyyessuu barbaachisa jedhan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny.
Itiyoophiyaan walga’ii waggaa Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaafi Baankii Addunyaa Taayilaand Baankookitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jirti.
Dooktar Iyyoob Takkaalliny walga’ichaan cinaatti walga’ii haala biyyoonni rakkoon booda bayyanachuu danda’an irratti xiyyeeffate irratti muuxannoo Itiyoophiyaa qoodaniiru.
Dhiibbaa liqaa biyya tokkoo salphisuun guddina waaraaf tarkaanfii jalqabaa malee galma akka hin taane ibsaniiru.
Tarkaanfiiwwan dhiibbaa idaa salphisuu yeroo isaanii eegan fi yeroo aara galfii kennuun akkasumas tumsa dhaabbilee liqeessitootaa dhugoomsuun invastimantiiwwan haaraa hawwachuufi guddina waaraa mirkaneessuuf haalota dandeessisan uumuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Dhiibbaa liqaa salphisuu dabalataan sirna faayinaansii hojiilee misoomaa biyyoonni guddinarra jiran dursa kennaniif deeggaru hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan sirna diinagdee cimaa, dorgomaafi invastimantiin durfamu ijaaruuf kutannoo akka qabdu eeruu isaanii ragaan Baankii Biyyaalessaarraa argame ni mul’isa.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa