Dooktar Abiy Ahimad Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammuud Alii Yusuuf waliin mari’atan
Finfinnee, Onkoloolessa 27, 2019(FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammuud Alii Yusuuf waliin mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Yaa’ii 2ffaa Paartilee Siyaasaa Afrikaa cinaatti Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammuud Alii Yusuuf waliin mari’achuu ifoomsaniiru.
Marii isaaniin, bulchiinsa ardii, adeemsa siyaasaa hammataa, dhimmoota misoomaa waggoota dheeraa dursi kennamuuf akkasumas hoggansa Afrikaa cimsuurratti mari’achuu eeraniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa