Fana: At a Speed of Life!

Leenjii Loltummaa Dandeettii Hoggansa Olaanaa Cimsuuf…

Finfinnee, Onkoloolessa 27, 2019 (FMC) – Itoophiyaan hoggantoonni mootummaa leenjii loltummaa akka fudhatanii fi imaammata nageenyaa sirnaan akka hubataniif hojjechaa jirti.

Qaama hojii kanaa kan ta’e leenjiin loltummaa qaamolee hoggansa olaanaa Federaalaaf tibbana kenname agarsiistuu tokkoo dha.

Hoggantoonni siyaasaa sadarkaa federaalaa leenjii kana fudhachaa turan xumuranii gara hojii isaaniittis deebi’aniiru.

Leenjiin loltummaa yeroo gabaabaa kun biyyoota hedduu keessatti hoggantoonni siyaasaa tarsiimoo loltummaa dabalatee imaammata nageenyaa sirnaan akka hubatan taasisuuf kennama.

Biyyoota leenjii akkasii kennan keessaa Ameerikaa, Chaayinaa, Yunaayitid Kingidamii fi Hindii akka fakkeenyaatti kanneen eeraman yoo ta’u, biyyoonni akka Israa’el, Siwiizarlaandii fi Kooriyaa Kaabaa immoo sirna qaamolee siyaasaa isaanii muuxannoo loltummaa akka qabaatan taasisu hordofu.

Itoophiyaanis muuxannoo kana fudhachuun hoggantoota siyaasaa olaanoo isheetiif leenjii kennuu eegalteetti.

Ministirri Dhimma Alaa, Dooktar Geediyoon Ximootiwoos, xumura leenjicha irratti ergaa dabarsaniin, leenjichi saayinsii loltummaa, dandeettii haaraa qophii qaamaa, sammuu fi hojii qabatamaa cimsan akka horachiise ibsaniiru.

Leenjiin saayinsii loltummaa hoggantoota siiviilii ta’aniif kennamuun hubannoo isaanii yaad-rimee loltummaa, sirna ittisaa, nageenya biyyaalessaa fi murtii tarsiimawaa kennuu irratti qaban bal’isuuf bu’uura gaarii uumuu ibsaniiru.

Mana Barumsaa Leenjii Qondaaltota Kaadhimamoo Hursootti hoggantoota olaanoo biyyattiitiif leenjiin kenname kun dandeettii fi muuxannoo dhaabbatichi leenjii kennuu irratti qabu agarsiisuu bira darbee, muuxannoon hoggantoonni leenjicharraa argatan hojii fi itti gaafatamummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa caalaatti akka hubatan kan gargaaruu dha.

Akkasumas, dhimma biyyaalessaa irratti hoggansa qindaa’aa cimsuuf gargaarsa guddaa qaba.

Beekumsa leenjii kanaan argame fayyadamuun guddina biyyaalessaa saffisiisuu fi hojiiwwan misoomaa eegalaman qindoominaan waliin hojjechuuf naamusa loltummaa hojii irra oolchuun barbaachisaa ta’uus agarsiisa.

Itoophiyaan imala Afrikaa keessatti wiirtuu diinagdee ta’uuf eegalte milkeessuuf hojiiwwan jalqabde galmaan ga’uuf karaa sirrii irra jiraachuu isheefis argisiistuu tokkoo dha.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MulataGuddaa

Immabeet Sisaayiin

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.