Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan raawwii Bosonaa fi jijjiirama qabeenya guddisuuf murannoo qabdu qabatamaan mirkaneessiteetti – Obbo Barakat Fissahaatsiyoon

Finfinnee, Sadaasa 3, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan bara 2011 kaasee hanga ammaatti Biqiltuuwwan biiliyoona 56 ol dhaabuun eegumsa naannoo qabatamaan mirkaneessite jedhan Ministirri Tarsiimoo Biyyaalessaa obbo Barakat Fissahaatsiyoon.

Yaa’ii COP 31 cinaatti waltajjiin marii mata duree ‘Eegumsa Bosonaa fi qabeenya qilleensaa gochaan, gumaacha Bosonni jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf qabu’ jedhuun gaggeeffameera.

Itiyoophiyaan raawwii Bosonaa fi jijjiirama qabeenya guddisuuf murannoo qabdu qabatamaan mirkaneessiteetti.

Itiyoophiyaan bara 2011 kaasee hanga ammaatti Biqiltuuwwan biiliyoona 56 ol dhaabuun seenaa hojjechuu ishee kaasan.

Bosonni qabeenya qilleensaa cichoomsuu, eegumsa lubbu qabeeyyiif, madda jireenyaa fi sagantaa ashaaraa magariisaan carraa hojii uumuuf murteessaa ta’uu eeran.

Itiyoophiyaan qopheessituu Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP32 ta’uu isheen bara Faranjootaa 2030tti hojii bosona deebisanii misoomsuu saffisiisuu, cirama bosonaa dhaabsiisuuf galma qabame milkeessuuf tumsI idil addunyaa, invastimantii fi raawwiin waloon akka jiraatu waamicha dhiyeessuu ragaan COP32 irraa argame ni mul’isa.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.