Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan naamusa ogummaa fi teeknooloojii jabanaan faayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa kabachiisu ijaarame – Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Sadaasa 5, 2019 (FMC) – Raayyaan ga’umsa, naamusa ogummaa fi teeknooloojii jabanaan faayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuu danda’u ijaarameera jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Koolleejjiin Ajajummaa fi Istaafii Raayyaa Ittisaa qondaaltoota olaanaa sagantaalee garaagaraan barsiisaa ture eebbisiisera.

Saganticharratti kan argaman Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan, Ijaarsi Raayyaa Ittisaa ga’umsa humna namaa, naamusa ogummaa, ga’umsa hoggansaa fi dandeettii teeknooloojii irratti kan hundaa’e ta’uu ibsan.

Akkasumas Raayyaan Ittisaa birmadummaa biyyaa, faayidaa biyyaalessaa fi nageenya uummataa eegsisuuf naamusa ogummaa, hoggansa ammayyaa fi teeknooloojii ammayyaa hidhate ijaaramaa jiraachuu dubbatan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.