Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan mariiwwan Faayinaansii qabeenya Qilleensaa Idil Addunyaan gahee hoggansaa bahachuu cimsitee itti fufte

Finfinnee, Sadaasa 5, 2019 (FMC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa fi Mariisiftuu Olaantuun COP32 Dooktar Fitsuum Asaffaan mariiwwan galmoota faayinaansii qabeenya qilleensaa gara hojii qabatamaatti hiikuuf gaggeeffamanirratti hirmaataniiru.

Mariin kunis waadaa jijjiirama qilleensaa idil-addunyaa haala qabatamaa biyyoota guddachaa jiranii fi fedhii faayinaansii waliin walsimsiisuun barbaachisaa ta’uu isaa ifatti hubachiiseera.

Kunis deeggarsa faayinaansii madaalawaa fi salphaatti argamuu danda’u, dhaabbilee cimaa ijaaruu, akkasumas adeemsa raawwii hojii bu’a qabeessa ta’e mirkaneessuu kan hammatudha.

Itiyoophiyaan qopheessituu COP32 ta’uu isheen adeemsa qabeenya qilleensaa idil addunyaa keessatti hirmaannaa ishee itti fufiinsaan cimsaa jirti.

Kanaanis karooraa qabeenya qilleensaa raawwiitti jijjiiruu, faayinaansii gara bu’aa qabatamaatti, akkasuma murannoo idil addunyaa qabatamaan mirkaneessuuf hojiilee dandeessisan ilaalchisee hirmaannaa taasiftu cimsaa jirti.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.