Fana: At a Speed of Life!

Atileetotni Itiyoophiyaa dorgommiiwwan Daandiirraa dhuma torbee darbee gaggeeffame injifatan

Finfinnee, Sadaasa 7, 2019 (FMC) – Atileetonni Itiyoophiyaa dhuma torban darbee magaalota addunyaa garaagaraa keessatti fiigicha daandiirraa gaggeeffaman injifataniiru.

Fiigicha Walakkaa Maaraatoonii Hoong Koong sadarkaa Pilaatiiniyeemii Atileetiksii Addunyaatiin beekamtii argaterratti atileetonni Itiyoophiyaa dhiiraa fi dubartootaan injifannoo galmeessaniiru.

Atileet Addisuu Goobanaa fageenyicha sa’aatii 1:01:35’ xumuruun injifateera.

Aliyyii Qaasiim sadarkaa lammaffaa, Taafaree Addisuu ammoo sadarkaa 8ffaan xumuran.

Dubartootan ammoo atileet Wuddee Kaffaalee sa’aatii 1:09:04 galmeessuun injifatte.

Akkasuma fiigicha Neezarlaandi, Garmin Zevenheuvelenloop kiiloo meetira 15’n dorgomameen, atileet Asaayech Ayichaw sa’aatii fooyya’aa galmeessuun injifatteetti.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.