Dheebuu waraanaa karra nagaa cufe…
Finfinnee, Sadaasa 10, 2019 (FMC) – Gareen seeraan alaa ABUT, fayyadamummaa waloo ummattoota Itiyoophiyaa mirkaneessurra dimokiraasii ukkaamsuun, sirna hoggantoota mootummaa qabeenya ittiin horatan diriirsuun, tuuta ummata Itiyoophiyaa irratti cunqursaa hamaa raawwachaa tureedha
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Bitootessa 24 bara 2010 gara aangootti erga dhufaniin booda, akkuma naannolee biroo naannoon Tigraayis bu’aa jijjiirama mul’achuu jalqaberraa akka fayyadamuu fi ABUTs akka paartii siyaasaa tokkotti guddina biyyaaf akka hojjetu waamicha irra daddeebii dhiyeessaa turaniru.
Paartii fi ummanni garaagara ta’uun isaa akka hubatamu gorsaa turaniiru.
Eebila 4, 2010 gara Maqalee deemuudhaanis ummata Tigiraay waliin mari’achuun Gaaffilee misoomaa uummata irraa ka’eefis mootummaa naannichaa waliin ta’uun deebisuuf yaalaa turan.
Ummanni naannichaas hariiroon nageenyaa naannolee ollaa waliin qaban cimee itti fufuu akka qabu imaananii turan.
Waxabajjii 2, 2010, gara Aksuum deemuun jiraattoota Aksuum waliin mari’atan.
Siidaa Aksuum suphuudhaafis Mootummaa Xaaliyaan waliin dubbii jalqabanii turan.
Guraandhala 04, 2011tti ammoo, Dooktar Abiy Komishiinii Araara nageenyaa rakkoolee garaagaraa hiikan hundeessuun, naannoo Tigraayii fi naannoo ollaa waliin rakkoolee mul’achaa turan jaarsoliin biyyaa ilaaluun araara akka busan yaada dhiyeessan.
Mootummaan Naannoon Tigraayis yaadaa fi adeemsa kana akka tumsu gaafatame.
Haata’u malee gareen ABUT rakkooleen mariidhaan akka hiikaman hin barbaanne yaada kana moggaatti dhiibuu eegale.
Waxabajjii 9, 2012, Yaa’iin dhaabbilee amantii miseensoota 50 qabu gara Maqaleetti ergame.
Kunis waldhabdeen yaadaa mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay gidduu jiru nagaadhaan akka hiikamu yaadameetu.
Haa ta’u malee Dooktar Dabratsiyoon, “Hanga yoonaa eessa turtanii? amma kan barbaachisu araara mitii” jechuun tattaffii jaarsolii fi abbootii amantaa fudhatama dhabsiisan.
Onkolooleessa 12, 2012 ABUT fi deeggartoonni isaa muraasni, jijjiiramicha akka carraatti fayyadamuudhaan, dhimmoota biyya dhiigan irraa of qusachuun tokkummaa biyyaaf akka hojjetaniif mana maree isaanii keessatti mari’atan.
Onkololeessa 24, 2012 Mootummaan qaamoolee faayidaa itti hafe deeffachuudhaaf nageenya biyyaa fi ummataa irratti balaa aggaaman gocha isaanii kana irraa akka deebi’an hubachise.
Eebila 29, 2012, Dooktar Abiy, Mootummaan naannoo Tigiraay Murtoo mana maree federeeshinii kabajuudhaan ummata Tigraay Vaayrasii Koroonaa irraa akka ittisu ergaa dabarsan.
Manneen Maree, Federeeshinii fi Bakka Bu’oota Ummataa guyyaa filannoo biyyaaleessaa dheerassuu hordofuun, ABUT murtoo manneen maree kana kan hin fudhanne ta’uu ibse.
Mootummaaniis, dhimma kana ilaalchisuun erga dabarseen, Mootummaan Naannoo Tigraay murtoo manneen maree fudhachuun hojiirra akka oolchu sababa isaa tarreessuun akeekkachiiseniis turan.
Waxabajjii 1, 2012 ABUT paartii tokko malee ummata akka hintaane, uummataan daldaluu akka hinqabne, mootummaan ummata Tigraayiif deeggarsa taasisu akka cimsu beeksise.
Bakka bu’oonni ABUT Miseensonni Mana Mare Bakka Bu’oota Ummataa ta’an mootummaan ummata Tigraayiin addatti foo’e waan geggeessaa jiru fakkeessuun komii wayita dhiyeessanitti, Muummeen Ministiraa yeroo kamiyyuu caalaa deeggarsi baajata naannoo Tigraayiif taasifamu olaanaa akka ta’uufi barootaa dheeraaf harkifataa kan ture piroojektii bishaan dhugaatii Maqalee baajata olaanaa ramadee akka xumuru ifoomsan.
Ummanni Tigraay ummata keenyaa, paartiin ABUT paartii tokko malee ummataa Tigraay nagaa jaallaatu bakka hin bu’u jechuun irra deddeebiin miseensota mana maree bakka bu’oota ummataatti dubbatan.
Waxabajjii 4, 2012 Paartileen siyaasaaf haala yeroo ilaalachisuun ergaa dabarsaniin biyyi qabnu tokko qofa ta’uu hubachuun, garaagarummaan jiru mariin akka furamuuf waamicha dhiyeessan.
Adoolessa 21, 2012 Marii paartilee siyaasaa waliin taasisaniin miila tokkoo qabsoo hidhannoo, miilaa biraan ammo qabsoo siyaasa nagaa keessa gochuun qaamolee ummata burjaajessan paartileen siyaasaa dhaabbatanii akka itti yaadan hubachiisan.
Jala bultii bara haaraa 2013 Ministirri Muummee Dooktar Abiy EBC waliin turtii taasisaaniin, mootummaan ummanni Tigraay waraanarra misoomaafi badhaadhummaan akka barbaachisuun dubbatan.
Mootummaan isaaniis ummata Tigraayin gargaaruurra kan darbe fedhii walitti bu’iinsaa kamiyyuu akka hinqabne ibsan.
Haa ta’u malee, mootummaan filamaata tarkaanfii humnaa akka fudhatuuf ABUT tuqataa akka jiru himan.
Qaamolee maqaa ummata Tigraayiin daldalaa, gara walitti bu’iinsaatti geessuuf hojjetan akka jiraniifi ummanniis kanarratti akka qabsaa’an irra deddeebiin waamicha dhiyeessan.
Ta’uus, adeemsaalee kanneen hundatti gareen finxaaleyyii ABUT miseensota raayyaa ittisa ajaja kaabaa naannichatti argaman hojiif wayita sosocho’anitti daa’imman daandiirra ciibsuun rakkoo uumaa turaniiru.
Miseensonni raayyaa sochii isaanii guyyuu wayita taasisanitti sakattaa’a hin barbaachisne taasisun gaaga’ama olaanaa raawwataa turaniiru.
Raayyaan ittisaas kana hundaa obsaan darbaa tureera.
Kun ga’uu didee ajajaa raayyaa kaabaa, buufataa xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaatti ugguruun gara Finfinneetti akka deebi’uu taasisaniiru.
Onkoloolessa 23, 2013 ABUT haleellaa raawwachuuf guyyaa tokkoon dura, dursaan garechaa Dooktar Dabretsiyoon G/Mikaa’el waraanni Tigraay irratti waan hin oolleef ummanni akka qophaa’u waamicha dhiyeessan.
Onkolooleessa 24, 2013 Gareen finxaaleyyii kun humna addaa gurmeessan haleellaa lammiirraa hin eegamne raayya ittisa biyyarratti halkaniin raawwate.
Dooktar Abiy Ahmadis garechi sarara diimaa hanga darbutti yaadni isaanii nageenya, jaalala, dhiifama, araaraa fi badhaadhina kan jedhu carraa argataniin calaqqisiisaa turan.
Garichi gocha gara jabinaa ajaja kaabaarratti erga raawwatee booda ergaa Dooktar Abiy dabarsaan, nageenyaaf jecha gara bal’inaan tuttuqqaa hedduu darbuu eeran.
Kanas haadholiin Tigraay hanga yoomiitti boo’uu kan jedhuun akka ta’e hubachiisan.
Onkolooleessa 25, 2013 Dooktar Abiy obboroo sa’aatii 11 irratti raayyaa ittisaa irraatti garee ABUTiin gochii hin eegamne raawwatamuu ibsan.
Mootummaan garee garaa jabeeyyii irratti tarkaanfii akka fudhatu ajajaa cimaa dabarsanii, ummataa Tigraay irratti garuu ejjennoo hin jijjiramane kan qabani, ummatiifi gareen addaa addatti akka hubataman ummataa hubachiisan.
Sadaasa 4, 2013 Dooktar Abiy ergaa dabarsaniin tarkaanfii seera kabachiisuu hordofee ummanni Tigraay akka hin miidhamne miseensonni raayyaa ittisa biyyaa fi milishaan guyyoota sadii keessatti akka harka kennatan, yeroon kennaameef.
Humnoonni nageenyaa nagaa fedhan hedduus carraa kanatti fayyadamaniiru.
Kanneen didan irratti wayita tarkaanfiin seera kabachiisuu fudhatamu, lammiilee nagaan akka hin miidhamne raayyaan ittisa biyyaa of eeggannoo cimaan oppireeshinii akka geggeessu ajaajan.
Faallaa kanaan finxaaleyyiin garee ABUT lammiilee nagaarratti kan xiyyeeffate naannoo Amaaraa magaalaa Baahir Daar, akkasumas magaalaa Goondaritti rookeettii dhukaasuun, bu’uuraalee misoomaarrattis miidhaa qaqqabsiiseera.
Dargaggoota dirqiin waraanaatti hirmaachisuun haadholii Tigraay dhala malee hambiseera.
Bu’uuraalee misoomaa barbadeessuun naannicha misooma malee hambiseera.
Garichi hanga har’aatti boqonnaa malee biyya diiguuf hojjetaa jira.
Diinota seenaa Itiyoophiyaa waliin qindaa’uun naannicha diiguuf hedduu dhama’eera.
Yeroo 4’f waraana banuun yeroo arfanuu akka hin taaneetti injifatameera.
Mootummaan miidhaa waraanaa hubachuun, waggootaaf obsaafi garaa bal’ina agarsiisaa ture.
Gareen seeraan alaa garuu obsa mootummaa kana kabajuurraa akka dadhabinaatti fudhate.
Tarkaanfii irratti fudhatameen gareen kun bakka garaagaraatti bittinnaa’ee, kufaatii isaa irraa of baraaruuf carraaqqii taasisaa jiraatus, tumsa mootummaa fi ummataatiin deebi’ee akka hin kaaneef awwaallameera.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa