Fana: At a Speed of Life!

Qonna Gannaan hanga ammaatti Callaan kuntaalli miiliyoonni 45.2 walitti qabame – Ministeericha

Finfinnee, Sadaasa 10, 2019 (FMC) –Qonna Gannaa bara oomishaa 2018/19’n hanga ammaatti Callaan kuntaalli miiliyoonni 45.2 walitti qabame jedhe Ministeerrii Qonnaa.

Bara oomishichaa lafa hektaara miiliyoona 22.113 sanyiiwwan akaakuu adda addaan kan uwwame yoo ta’uu, yeroo ammaa hojiin sassaabbii oomishaa gaggeeffamaa jira.

Hanga ammaattis callaa kuntaalli miiliyoonni 45.2 ol walitti qabamuu ibse.

Bara kana waliigalaa callaa kuntaalli miiliyoonni 700 fi miiliyoonni 30 kan eegamu ta’uu ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa ministeericharraa argame ni mul’isa.

Akka naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafa hektaara miliyoona 3.1 irraa oomishni walitti kan qabame yoo ta’uu, callaa kuntaalli miiliyoonni 36 galeera.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.