Fana: At a Speed of Life!

Abdii haaraa, gammachuu fi walummaa Itiyoophiyaanotaa – Fulbaana

Finfinnee, Hagayya 29, 2018 (FMC) –Itiyoophiyaatti Baatiin Fulbaanaa baatii jalqabaa qofaa miti, baatii hoodaa, ifaa, Abdii fi gammachuuti.

Waqtiin Gannaa Duumessa, Rooba,Urrii fi Muusoo cimaan dabalame darbuun Abaaboon Birraa gammachuun kan itti simatamuudha.

Baatii ifa gammachuu fi Abdiiti.

Dhala namaa qofa osoo hin taane uumamni hundi yeroo dhiphinaa fi dhamaatii cimaa dabarsuun abdii haaraan guutamaniidha.

Baatii firiin dhamaatii, sodaan beelaa fi dhiphuu darbuun eebbii fi badhaadhinni itti eegaluudha.

Abaaboon dirreewwani, tabbaa fi gamagamanatti daraaraan yeroo ilma namaaf gammachuu sammuu fi abdii haaraa uumaniidha.

Yeroo Lagni boore’e qarraru, qilleensi foolii gaarii bubbisu, simbirroonni faaruu gammachuu faarsaan waan ta’eef; kanneen gadda keessa jiran illee gadda isaanii dagachuun ifa abdii itti argadha.

Baatii ayyaanonni aadaa fi amantii gurguddoo hedduun itti kabajaman waan ta’eef, uummata biratti bakka addaa qaba.

Ayyaanni Bara Haaraa, Damaraa, Masqalaa fi Irreechi baatii kana keessa kabajamu..
Irreechaa – Ayyaana Oromoon Uumaa isaa itti galateeffatu; ayyaana jireenyaa, nagaa fi galateeffannaati. Ayyaana kana irratti namoonni walitti mufatan walitti araaramu, “Waaqayyoof jedhaa waliif dhiisaa” jechuun jaalala isaanii haaromsu.

Maatii fi ollaan yeroo dheeraaf wal irraa fagaatanii turan wal waamanii wal gaafatu, aadaan wal gargaaruu caalmaatti baatii cimu waan ta’eef, jireenya hawaasummaa ni jabeessa.

Dargaggoonnii fi Shamarran weelluu fi sirbaan hawwii gaarii yeroo itti dabarsaniidha.

Waqtii sirni Goobee fi Shineeyyoon itti raawwatu baatii miidhaginaa fi jaalalaati.

Kan maaddiin jaalalaa itti waliif qooddaman, tokkummaa fi waliin jiraachuun caalaatti dagaagu baatii hoodaati.

Taarikuu Laggasaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.