Fana: At a Speed of Life!

Alabaan keenya seenaan waloo Itiyoophiyaanotaa kan itti barreeffame- Obbo Ahimad Shidee

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2019 (FMC)- Guyyaan Alabaa keenyaa seenaan waloo Itiyoophiyaanotaa kan itti barreeffamedha jedhan Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Ahimad Shidee.
 
Guyyaan Alaabaa bara kanaa mata duree” Alaabaan keenya waliigaltee biyyaalessaafi tokkummaa keenyaaf” jedhuun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummattaatti kabajamaa jira.
 
Obbo Ahimad Shideen wayita kana, Alaabaan keenya seenaan waloo Itiyoophiyaanotaa kan itti barreeffamedha jechuun ibsaniiru.
 
Mallattoo cichoominaafi gootummaa akkasumas ibsituu bilisummaafi birmadummaa biyyattii ta’uus eeraniiru.
 
Alaabaa kabajuun biyya kabajuu akka ta’e hubachiisanii, wareegama biyyaaf kaffalame yaadachuufi itti gaafatamummaa waloo dhaloota dhufutti dabarsinu kan ittiin mirkaneessinudhas jedhaniiru.
 
Ayyaanaa Dheeressaan.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.