Ashaaraa Magariisaa fi Hirmaannaa Qaama Miidhamtootaa
Finfinnee, Adoolessa 29. 2018(FMC) – Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guutummaa biyyaalessaatti hojiirra oolaa jiru hirmaannaa qaamolee hawaasaa hundaan dhugoomaa jira.
Bayaan shaafii jiraata godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaati.
Dhaabbii Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti jalqabame irratti hirmaachuu irraa qama miidhamtummaan isa hindaangessine.
Bayaan maatii isaa waliin dhaabbii biqiltuu Aanaa Meetta araddaa Walleensuutti gaggeeffame irratti argamuun dhaabeera.
Qaama miidhamaa ta’uun koo wamicha biyyaa irraa na hindaangessu, anis qaama seenaa ta’uu fi dhaloota itti aanuuf ashaaraa koo kaa’uun qaba jedheera Bayaan.
Waggaa waggaan yeroo shan sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa akkaan irratti hirmaachuu kan dubbatu Bayaan, qaama miidhamtoonni biroos akkuma isaa cimanii hirmaachuun qaama seenaa kanaa akka ta’an dhaameera.
Tuujii Abdiitu gabaase
#Oromia #Ethiopia