Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Birrii biiliyoona 80 bu’aa argate

Finfinnee,Waxabajjii 24, 2018 (FMC) – Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa bara baajataa kana Birrii biiliyoona 80 bu’aa argadhe jedhe.

Pireezidaantiin baankichaa obbo Abbee Saannoon raawwii bara baajataa 2025/26 ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Dameewwan garaagaraan Liqaan Birrii biiliyoonni 600 fi biiliyoonni 48 ol kennamuu ibsan.

Maallaqni Taa’aan baankichaa Birrii Tiriliyoona 2.4 gahuu dubbachuun, bara kana bu’aan Birriin biiliyoonni 80 argamuu himan.

Daldala Alaarraa Doolaarri biiliyoonni 2.1 argamuu kaasuun, waliigala waggaa lamatti sharafni alaa Doolaarri biiliyoonni 5.6 argamuu ibsaniiru.

Baankichi bara dhufu maallaqa taa’u Birrii biiliyoona 800 fi biiliyoona 32 walitti qabuuf, akkasuma galii isaa Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 60 qaqqabsiisuuf karoorfachuu ibsan.

Baankichi waggaa 6 dura liqaa % 90 dhaabbilee mootummaaf kennaa kan ture ta’uu himuun, bara kana garuu % 90 dhaabbilee dhuunfaaf kennuu eeran.

Birrii biiliyoona 500 fi biiliyoona 88 dhaabbilee dhuunfaaf liqeessuu himan.

Liqaa kennamee ture Birrii biiliyoona 500 fi biiliyoona 46 walitti qabuu ibsuun, kunis kan bara darbee waliin yoo madaalame % 91 guddina agarsiisuu kaasan.

Zufaan Ambaachootiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.