Buufanni Konkolaataa Qindaa’aa Magaalaa Adaamaa marsaan duraa tajaajila eegale
Finfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) – Buufanni Konkolaataa Qindaa’aa Magaalaa Adaamaa Birrii Biliyoona 1.8’n ijaarame marsaan duraa tajaajila eegaleera.
Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktar bAbdulaaziiz Daawudii fi Kantibaan Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldeen buufaticha eebbisiisuun hojii jalqabsiisaniiru.
Buufatichi lafa magariisummaa, Mana tikkeetiin keessatti muramu,Mana kuusaa,tajaajila Baankii,kilinika,Waajjira,dukkaana adda addaa,Manneen miidhaginaa, Galmoota adda addaa,Mana nyaataafi kaaffee dabalatee kanneen biroo of keessatti qabateedha.
Terminaalichi bitaafi mirgaan Gamoo abbaa darbii 4 ammayyaa waan hundaa guutate kan qabuufi si’a tokkoon konkolaata 300-400 simachuun namoota Kuma 20 hanga 30 ttis al tokkotti keessummeessuu kan danda’u ta’uu OBN gabaasera.
#Oromia #Ethiopia