Fana: At a Speed of Life!

Cichoominni kaleessas har’as ibsituu Itiyoophiyaanotaati- TKM

Finfinnee, Qaammee 3, 2018( FMC)- Cichoominni kaleessas har’as ibsituu Itiyoophiyaanotaati jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Tajaajilichi Guyyaa Cichoominaa ilaalchisuun ibsa kenneen, baga Qaammee 3 Guyyaa Cichoominaan isin gahe jedheera.

Itiyoophiyaan biyya lafeefi dhiiga Itiyoophiyaanotaan eegamtee turteefi madda kabajaa ta’uu ibseera.

Kanaaf kaleessa irraa hanga har’aatti haleellaawwan kallattii fi qaamolee garaagaraarraa itti aggaamamu gootummaan qolachuun biyya bilisaafi birmaduu dhalootaaf dhaalchisuun kan danda’ame jedheera.

Qaammeen 3 moggaasa “Guyyaa Cichoominaa” jedhuun kan kabajamu gootota birmadummaa Itiyoophiyaa waggoottaniif jabeessaniif beekamtii kennuuf, gootota har’aa jajjabeessuufi gootota egeree uumuuf ta’uu ibseera.

Itiyoophiyaan gootota ciccimoo addawwan lafoo, qilleensaa, galaanaafi saayibarii birmadummaa ishee mirkaneessan horachuu eereera.

Itiyoophiyaan seenaa sirna mootummaa addunyaaf fakkeenya ta’e qabdu keessatti, yeroo kamiyyuu qoqqobbii fi tuffii diinaa irraa bilisa taatee turte jechuun hin danda’amu jedheera ibsasaan.

Yeroo humni ishee cime kabajamteefi ulfina argattee turuu ; yeroo humni ishee laafaa fakkaate immoo haleellaaf saaxilamtee akka beektu kaaseera.

Ilmaan ishee birmadummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf gatii kaffaluu, yeroo hunda kabajamtee fi ulfina argattee akka jiraattuuf dammaqinaan ishee eegu ibseera.

Shira fi tuffiin diinota ishees, caalmaatti ishee jabeessuu fi gootummaa ishee mul’isuuf malee, birmadummaa ishee gaaffii keessa galchuu hin dandeenye jedheera.

Itiyoophiyaanonni waliin ta’uun biyya isaanii eeguuf, yeroodha gara yerootti ogummaa waraanaa horatanii, bilisummaa ofii isaanii qofa osoo hin taane bilisummaa kanneen birootiifis gatii kaffalaa, har’aa ga’uu yaadachiiseera.

Namummaa, naamusa waraanaa fi leenjii yeroon barbaadu gahumsa guutuudhaan horataniiru; Misooma humna namaa fi dandeettii teeknooloojii, kan diinni haleellaan dura irra deddeebi’ee akka yaadu isa dirqisiisu, ijaarameera jedhe.

Waraanni dirreewwan adda addaarratti ijaarame, gufuuwwan karoora badhaadhinaa Itiyoophiyaa dura dhaabbachuuf tattaafatan hunda qulqulleessuu; biyya bilisaa fudhate bilisummaan dhaloota itti aanuuf dabarsuu; akkasumas Itiyoophiyaan fedhii ishee hunda daangaa ishee keessatti bilisummaan raawwachuuf dandeettii akka qabaattu gargaaruu irratti xiyyeeffachuus kaaseera.

Diinonni Itiyoophiyaa diiguuf barbaadan turan; fuuldurattis ni jiraatu , haa ta’u malee, dandeettii waraana keenyaa guddachaa dhufuu, xiinsammuu injifannoo irratti ijaarame qabaachuu, teeknooloojii ammayyaa hidhachuu, akkasumas marii biyyaalessaa hunda hammate gaggeeffameen, qaawwi warra ergama diinaa raawwatan ittiin fayyadaman cufamee, dandeettiin diinaa yaada irraa gara gochaatti ce’uu hin dandeenye uumameera jedheera.

Itiyoophiyaan har’a biyya namoonni walitti bu’iinsa siyaasaa qaban hundi mufatanii gara bosonaatti galan, akkasumas meeshaa diinaa ta’anii akka hin taane ibseera.

Itiyoophiyaan egeree abdachiisaa ijaaraa jirti; dhugaa waliinii irratti kan dhaabbatte; garaagarummaa akka miidhaginaatti kan ilaaltu; uummata hunda hammachuun fakkeenya badhaadhina Afrikaa ta’uuf gara olka’iinsaatti biyya tarkaanfachaa jirtu ta’uu eereera.

Imala ishee kana gufachiisuu kan barbaadu kamiyyuu akka irra deddeebi’ee yaaduuf, dhaabbilee fi humnoota qilleensaa, galaanaa fi saayibeerii ijaaruu hubachiiseera.

Har’a Guyyaa Cichoominaa yeroo kabajnu, birmadummaafi bilisummaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf, nagaa fi nageenya uummata ishee mirkaneessuuf kanneen wareegama kaffalan, akkasumas ammallee kaffalaa jiran kabajuu fi Ashaaraa isaanii cimsanii itti fufsiisuuf waadaa galuudha jedheera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.