Dhaabbilee cimaa ijaaruun dhaloota dhufu bu’aa ba’iirraa oolchuu…
Finfinnee, Onkololeessa 3, 2019 (FMC) –Seenaan Itiyoophiyaa jaarraa hedduuf yaadatamu, kuusaa bilisummaa, birmadummaa fi boosnaa dhalootaa irraa gara dhalootaatti darbu qofa miti.
Seenaa qormaatilee fi kufaatii dandamachuun miira gaabbii fi cichoominaan jijjiiramuu dabalata.
Akkasumas seenaa obsaa, kutannoo fi cichoominaati.
Gaabbii seenaarraa gara sirna dhaabbilee cimaa fi qaroomina waaraatti ce’uuti.
Boqonnaaleen jijjiiramaa Itiyoophiyaa hedduun kan eegalaman dhiibbaa waqtaawaa, hanqina sirnootaa fi qabsoo ummataatiin ture.
Haa ta’uutii qormaannii fi injifannoon Itiyoophiyaa yeroo ammaa kan madaalamu gaabbii seenaa gara dhaabbilee cimaa fi sirna waaraatti jijjiiruuni.
Jijjiirama qabatamaa galmeessuuni.
Gaabbiin ka’umsa malee ga’umsaa miti.
Gaabbiin ka’umsa malee ga’umsaa fi bakka itti dhaabbatan hin ta’u, ga’umsi sirnaa fi qaroomina jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Gaabbiin sirna akka dhalu tasgabbiin yaaduun murteessaa ta’uu eeran.
Mootummaan Ida’amuu jijjiirama gaabbiin dhufe gara tasgabbii fi qabatamaatti jijjiiruuf tarkaanfilee hedduu fudhateera.
Adeemsa jijjiirama seenaa keessatti, qormaatilee keessaa fi alaa Itiyoophiyaa mudatan irraa barachuun gara ijaarsa dhaabbilee cimaatti ce’uuf imalli jalqabame milkaa’inaan itti fufee jira.
Waggoota darban keessa caasaa mootummaa Itiyoophiyaa cimsuuf, akkasumas bu’uuraalee dijitaalaa fi dinagdee itti fufiinsaan diriirsuuf dhaabbileen ijoo hedduun ijaaramaniiru.
Dhaabbilee kanneen keessaa, dandeettii kaappitaala biyyaalessaa guddisaa kan jiran kanneen akka ‘Ethiopian Investment Holdings, kan jijjiirama dijitaalaa keessatti wiirtuu ijoo ta’e Eenyummaa Biyyaalessaa ‘Faayidaa’ akkasumas damee teeleekoomii ammayyeessuu fi tajaajila Telebirr babal’isuun hammattummaa faayinaansii mirkaneessuuf gumaacha taasisaa jiru ni argamu.
Tarkaanfileen kunneen Itiyoophiyaan rakkoolee yeroof deebii laachuu keessaa baatee gara ijaarsa caasaa fi misooma waaraatti ce’uu ishee agarsiisu.
Imalli jijjiiramaa fedhii dhuunfaa yookaa fedhii yeroo irra darbuun gara bulchiinsa dhaabbilee irratti hundaa’eetti ce’uun isaa adeemsa seenaa keessatti qabatamaan mul’ateera.
Dhaabbileen har’a ijaaraman dhaloota dhufu bu’aa ba’iirraa kan oolchaniidha.
Mootummaan Ida’amuu gaabbii kaleessaa irraa barachuun, har’a sirna cimaa ijaaruun, akkasumas Itiyoophiyaa badhaateef boqonnaa seenaa haaraa banuurratti argama.
Siifan Magarsaatiin
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa