Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen teekinikaafi ogummaa oomishaalee alaa galan oomishuun furmaata ta’aa jiru- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Ebla 26, 2018 (FMC) – Dhaabbileen teekinikaafi ogummaa oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun furmaata ta’aa jiru jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Torbeen teekinikaafi ogummaa 16ffaan sadarkaa magaalaatti mata duree “ Guddina Teeknooloojii badhaadhina biyyaaf” jedhuun Paarkii Araadaatti banameera.

Aadde Adaanech Abeebeen wayita kana dhaabbileen teekinikaafi ogummaa hojiilee kalaqaa rakkoo furan oomishuun qooda isaanii bahachaa jiraachuu eeran.

Kolleejjonni teekinikaafi ogummaa oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun furmaata ta’aa akka jiranis kaasaniiru.

Bu’aa qabeessummaan isaanii guddachaa dhufuu eeruun, oomishaalee gabaa alaaf gahaniifi bu’aaleen kalaqaa babal’achaa akka jiran ibsaniiru.

Kanaaf ammoo ibsaawwan daandiirraa Finfinneetti mul’atan agarsiistuudha jedhan.

Sadarkaa Kantiibaa Itti aanaatti Hogganaan Biiroo Hojiifi Ogummaa magaalichaa Miiliyoon Maatiwoos gama isaaniin, damichaan sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’uuf lammii teekinikaan gahumsa qabuufi kalaqu horachuu akka barbaachisu dubbataniiru.

Mootummaanis damichaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu ibsan.

Ashabbir Kaasaahuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.